Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 6 - Kitaaba Woyyuu

Saanduuqa Waadaa Rabbii Mana Aminaadaabiitii Gara Yerusaalemii Fidan(Sen. 1ffaa 13:1-14; Sen. 1ffaa 15:25-26; 6:43)

1Daawiti ammallee Israa'eliin keessaa worra filataman namoota haga kuma soddomaa wolitti qabe.

2Daawitii fi baniin isa woliin turan maruu Ba'aalii Yihuudaa keessa jirtuu ka'anii maqaa Rabbii Gooftaa banii maraa ka Kiruubeelii irra taa'een waamamu gabatee saanduuqa Rabbii achii fidu'uuf deeman.» jedhamee itti baye.

9Guyyaa san Daawiti Rabbiin sodaatee, «Saanduundhi waadaa Rabbii attamitti gara kiyya dhufa?» jedhe.

10Daawitillee saanduuqa waadaa Rabbii gara qachaa ufii fiduu hin jaalanne; Daawitillee mana Abidaaraa nama Geetiititti galche.

11Saanduundhi waadaa Rabbii mana Abidaaraa nama Geetii haga ji'a sadihii taa'e; Rabbillee Abidaara'aa fi mana isaa maraa hin eebbise.

12Mootichi Daawiti Rabbi mana Abidaara'aatii fi waan inni qabu maraa sababaa saanduuqa waadaa Rabbiitiif akka eebbise dhagaye; Daawitillee dhaqee saanduuqa waadaa Rabbii mana Abidaara'aatii gara qachaa Daawitii gammachu'uun akka fidan godhe.

13Worri saanduuqa Rabbii baatan akkuma tarkaanfii jahaa deemaniin korma tokkoo fi mirgoo tokko fidee ciincesse.

14Daawitillee hunna ufii maraan Rabbiin afo'otti shubbisa'aa ture; Daawitillee uffata ulfinnaa uffatee ture.

15Daawitii fi manni Israa'elii maruu hoo jedha'aa xurumbaa afuufa'aa saanduuqa waadaa Rabbii fidan.

16Saanduundhi waadaa Rabbii gara qachaa Daawitii hennaa gale intalti Saa'olii Meelkool foddaa irraan argite; mootichi Daawiti Rabbiin afo'otti utaala'aa hennaa shubbisu argitee qalbii ufii keessatti isa tuffate.

17Saanduuqa waadaa Rabbii fidanii, daasee Daawiti qopheesseef hulee dallawame kaayan; Daawitillee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa Rabbiin afo'otti dhiyeesse.

18Daawitillee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee haga raawwateen maayessa maqaa Rabbii Gooftaa banii maraatiin namoota eebbise.

19Banii maraafuu gosa Israa'eliitii, dhiiraa, dubarti'iif tokko tokko isaaniitiif buddeena tokko tokko, muraa foonii tokko tokkoo fi daraaraa woyini'ii ka baxxeeffame qoodan; baniin maruu mana mana ufiititti galan.

20Achiin maayessa Daawitillee maatii ufii eebbisu'uuf deebi'e; intalti Saa'olii Meelkool Daawitiin simatu'uuf gad baatee, «Akka womaa womteen qullaa uf mudhisan mootiin Israa'elii afoo babbreeddan garboota ufiititti uffata mulqatee qullaa ta'uun ka hagam kabajjame!» jetteen.Sen. 1ffaa 16:43

21Daawitillee Meelkooliin, «Rabbiin afo'otti shubbiseera; banii Israa'elii akka bulchu abbaa keetii fi mana isaa caalaa Rabbiin na filate ka eebbifame haa ta'u; kanaafuu Rabbiin afo'otti uf salphisa.

22Ammallee haga amma ta'e kana caalaa ka tuffatame ta'a; ija kee afo'otti hin salphadha; garuu babbreeddan ati waan isaanii dubbatte biratti ulfinna argadha!» isi'iin jedhe.

23Sababaa kanaaf Meelkool intalti Saa'olii uduu finna hin deenne duute.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help