1Dubbiin raagaa ka Rabbi Milkiyaasii raattichaan banii Israa'eliititti dubbate kana.
Jaalala Rabbi Israa'eliin Jaalatu2Rabbi bani'iin, «Ani isin jaaladheera» jedha; isin ammo «Attamitti nu jaalatte?» jettan; Rabbi, «Eesawuu fi Yaaqoob obboleeyyan; ani ammo Yaaqoobiin jaaladhe;
3Eesawuu ammo hin jibbe; biyya Eesawuu'u ka gaarranii gara lafa onaatitti jijjiire; lafa isaa ta jeedallan keessa burraaxxu godhe» jedhee deebisa.Rabbi Gadoota Ajiifate
6Waandhi banii maraa gadootaan akkana jedha, «Ilmi abbaa ufii, hojjataan gooftaa ufii hin kabajja; eega ani abbaa keessan ta'e maaf na hin kabajjine ree? eega Gooftaa keessan ta'e maaf ulfinna naa hin kennine ree? isin maqaa kiyya tuffattaniirtan; garuu maqaa kee attamitti tuffanne? jettanii gaafattan.
7Midhaan battaaye hulee ciinca'aa kiyya irra kaaya'aa, «Hulee ciinca'aa kee attamitti batteessine?» jettanii gaafattan; akki isin itti batteessitan gabateen kiyya waan keessan kanaan hin tuffatama jettanii waan yaaddaniif.
8Isin amma horii ballaa, dhibama'aa fi ka hokkolu hennaa ciinca'aaf dhiyeessitan waan yakka raawwattan isinitti hin fakkaatuu? horii akkanaa kanniin bulchaa keessanii uduu kennaa dhiyeessitanii inni waan gammadee isin irraa fudhatuu fi waan isin galatoonfatu isinitti fakkaataa?» jedha Waandhi banii maraa.Kes. Deb. 15:21
9Isin gadoonni! haga waan kana maraa gootaniin maayessa Rabbiin uduu arjummaa kadhattanii inni waan kadhaa keessan isin irraa fudhatu seetanii? waan kanaanillee dogoggorri keessan jedha Waandhi banii maraa
10Waandhi banii maraa hulee ciinca'aa kiyya irratti ka ibidda duwwaa itti bobeessitanii mannaa maal isin keessaa namni balbala mana woyyu'uu cufu tokko uduu argame! ani waan isinitti hin gammanneef kennaa isin naa dhiyeessitan hin fudhadhu.
11Baniin adunyaa irra jiru maruu qacce'ee haga qacce'ee ulfinna naa kennan hulee kamittuu hixaana aarsa'aa ciincaa qulqulluu naa dhiyeessan; baniin maruu na kabajja.
12Isin ammo hennaa huleen ciinca'aa ka Rabbii battaaya'a jettanii ciincaa tuffatamaa dhiyeessitan hin batteessitan.
13Isin amma balda'aa ‹kun maruu attamitti nama hifachiisa!› jettan; horii hafan ka hokkolu, ka dhibame ciinca'aaf dhiyeessitan; ani waan kana isin irraa fudhadhu seetanii?
14Ani mootii gudda'a; maqaan kiyyallee banii biratti ka kabajjame waan ta'eef namni hoolota ufii keessaa uduu korbeessa hoola'aa qabu waan woreega qabatee korbeessa mudaa qabu ciincaa naa dhiyeessu inni ka abaarame!» jedha Waandhi banii maraa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.