Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 27 - Kitaaba Woyyuu

Iyyoo'aataam Mootii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 15:32-38)

1Iyyoo'aataam hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemitti woggaa kudha jaha bulche; haati isaa Iyyaruusaan mucattii Saadooqiiti.

2Akkuma abbaan isaa Ooziyaan Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate innillee Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; garuu gara mana woyyuu Rabbii hin seenne; baniinillee cubbuu hojjachuu hin dhiifne.

3Iyyoo'aataam balbala mana woyyu'uu ka gara ol aanu deebi'ee haarawoomse; hulee Oofeel jedhamu ka gaara irraa ka Yerusaalemiin keessatti argamullee dallawa itti ijaaree hujii baay'ee hojjate.

4Lafa gaaraa ka biyya Yihuuda'aa keessattillee qachoota ijaare; bosona keessattillee kushee hedduu fi dallawa ijaare.

5Mootii Amooniitii fi loltoota isaatiin wol lolee mooyate; woggama san keessa ijoolleen Amoonii birrii saqilii dhibba tokkoo, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu qoroosii kuma kudhanii akka isa gabbaran godhe; akkasuma ijoolleen Amoonii woggaa lammeesso'ootii fi woggaa sadeesso'ootittillee gibira isaanii kennan;

6Iyyoo'aataam Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan qajeellumma'aan jiraateef hin jabaate.

7Wonti Iyyoo'aataam hojjate, akkaataan inni itti lole kitaaba seenaa biyya Yihuuda'aatii fi biyya Israa'elii keessatti barreeffameera.

8Inni hennaa mooyu nama woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa kudha jaha bulche.

9Achiin maayessa Iyyoo'aataam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti isa awwaalan; bikka isaa ilma isaa Akaazitu mooye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help