1Isin keessaa tokko goshoo ufii woliin yoo mormii qabaate, woyyoota afo'otti wolitti murteessuu irra, hammeeyyii afo'otti wolitti murteessuu uggaa?
2Mat. 19:28; Dan. 7:22 Woyyoonni akka adunyaa irratti murteessan hin beettanii? Adunyaa irratti uduu murteessitanii waa maraa caalaa diqqoo waan ta'utti murteessuu hin dandeettanii?
3Phex. 2ffaa 2:4 Waan fuudhaa fi heerumaa dhiisa'aatii Maleekkotattuu akka murteessinu hin beettanii?
4Eeganaa waan fuudhaa fi heerumaa manni murti'ii yoo isin barbaachise, worra woldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman worra murte'ee gootanii keettanii?
5Isin saalffachiisu'uuf kana jedha. Akkanumaa? Obboloota jiddu'uu ka manguddoo ta'uu danda'u namni hayyuun tokko isin biratti hin argamuu?
6Obboleessi garuu obboleessa himata; kanallee worra hin amanne afo'otti godhaa?
7 Mat. 5:38-41; Tas. 1ffaa 5:15; Phex. 1ffaa 3:9 Eegasuu sirimaa wol mormiin isin keessa jiru hanqinna keessaniin. Uduu ufii yakkamtanii isinii hin woyyuu? Yoo sobamtan isinii hin woyyuu?
8Tas. 1ffaa 4:6 Haa ta'uu ammo isinuu hin yakkitan; hin sobdanille'e; sanuu obboleeyyan keessan.
9Gal. 5:19-21; Efe. 5:5; Mudh. Yoh. 21:8; 22:15 Moo hammeeyyiin jeennata Rabbii akka hin dhaalle hin beettanii? Hin dogoggorinaa'a. Seebartoota yoo ta'an, yookaan worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, yookaan worra seebaran, yookaan dhiira dhiira bira geettu,
10Yookaan hattoonni, yookaan worri horii dharra'an, yookaan worri machaayan, yookaan worri nama arrabsan, yookaan saamtonni jeennata Rabbii hin galan.
11Isin keessallee gariin akka kanniinii turtan. Haa ta'uu ammo Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Rabbii keennaatiin dhiqattaniirtu; woyyoomtaniirtan; qajeellota taataniirtan.
Nafa Ufii Ulfinna Rabbiitiif Oolchuu'u12 Qor. 1ffaa 10:23 «Maruu naa eeyyamameera» maruu ammo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; tokkollee na irratti hin mooyu. «Nyaanni gara'aaf, garaanillee nyaataaf»
13Mat. 15:17; Tas. 1ffaa 4:3-5 Rabbi ammo kanallee sanillee hin balleessa. Nafti keenna Gooftaa tajaajilu'uuf; Gooftaanillee nafa kunuunsu'uuf malee, ittiin seebaruu hin barbaachisu.
1415:20-21; Rom. 8:11; Qor. 2ffaa 4:14 Rabbiin Gooftaa kaase nullee hunna ufiitiin du'aa nu kaasa.
15 12:27 Nafti keessan qaama Kiristoosii akka ta'e hin beettanii? eegasuu qaama Kiristoosii fuudhee qaama seebartootaa godhuu barbaachisaa? hin ta'u.
16Ser. Uma. 2:24 Mo'o ka seebartootaan wol ta'u foon tokko akka ta'u hin beettanii? «Lachuu foon tokko ta'an» waan jedhameeruuf.
17Yoh. 17:21-23 Ka Goofta'aan wol ta'u Ayyaana Goofta'aatiin tokko.
1810:8 Seebaruu irraa dheessaa'a. Namni cubbuu hojjatu maruu fooniin ala. Ka seebaru ammo foon ufii irratti cubbuu hojjata.
19Qor. 1ffaa 3:16; Qor. 2ffaa 6:16 Moo nafa keessan ka Rabbiin irraa fudhattan ka isin irra jiru mana woyyuu Ayyaana Woyyu'uu akka ta'e hin beettanii?
20Gati'iin waan bitamtaniirtaniif isin ufiifii miti. Kanaafuu nafa keessaniin Rabbiin kabajjaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.