Gara Worra Efesoonii 6 - Kitaaba Woyyuu

Ijoolle'ee Fi Maatii Isaanii

1 Qol. 3:20 Ijoolle! Goofta'aaf jedha'aatii haadhaa fi abbaa keessanii ajajamaa'a; kun qajeelaa waan ta'eef.

2-3Ser. Uma. 20:12; Kes. Deb. 5:16 Akka wonti mishaan sii ta'u, «Lafa irratillee akka umuriin kee sii dheeratu», «Abba'aa fi haadha kee kabajji; isiinillee ajaja duraa ta dubbii abdi'ii qabdu.

4 Qol. 3:21 Isinillee abbootiin! Ijoollee teessan gorsa Goofta'aatiin isaan guddisaa malee hin rifachiisinaa'a.

Garbootaa Fi Gooftota

5 Qol. 3:22-25; Tit. 2:9-10; Phex. 1ffaa 2:18 Isin Garboonni! akkuma Kiristoosii ajajamtan kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a.

6Akka worra fedhii Rabbii raawwatuu akka garboota Kiristoosiititti malee, akka waan nama gammachiiftaniititti mudhachu'uuf hin ajajaminaa'a.

7Namaaf uduu hin taane, Goofta'aaf akka ajajamtan jabaachu'uun fedhii misha'aan ajajamaa'a.

8Qor. 2ffaa 5:10 Garbichaa ta'ee'e yookaan wolabaan martinuu waan godhu waan mishaa maraa Gooftaa irraa gatii akka argatu waan beettaniif.

9Qol. 4:1; Rom. 2:11; Hu. Er. 10:34; Kes. Deb. 10:17; Qol. 3:25 Isinillee gooftonni! dhaaduu dhiisa'aatii akkanuma isaanii godhaa'a; Gooftaan isinii fi isaanillee bulchu akka samii jiru, fuula namaa laalee akka wol hin caalchifne waan beettaniif isaan hin sodaachisinaa'a.

Mi'a Woraanaa Ka Rabbii

10 3:16; Qor. 1ffaa 16:13 Waan hafeen worra Goofta'aaf hunna isaa cima'aan jabaate ta'aa'a.

11Phex. 1ffaa 5:8-9; Qor. 2ffaa 10:4 Akka soba daabiloosii mormuu dandeettan mi'a woraanaa ka Rabbii maraa uffadhaa'a.

12 2:2; Luq. 22:31; Iyyo. 1:6 Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef; bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin.

13Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a.

14 Luq. 12:35; Phex. 1ffaa 1:13; Tas. 1ffaa 5:8; Isa. 11:5; 59:17 Eeganaa mudhii keessan dhuga'aan hidhadha'aatii, qajeellummaa akka meeshaa woraanaatitti qomatti uffadha'aa dhaabadhaa'a;

15Dubbii nagayaallee akka kophe'ee lukatti godhadha'aatii qophaaya'aa dhaabadhaa'a.

16Mam. 30:5; Far. 91:4; Yoh. 1ffaa 5:4 Maraa irratti edaatanii darbata bobaya hammeennaa mara akka dhaamsuu dandeettan wontee amanti'ii ol fuudha'aa qabadhaa'a.

17Tas. 1ffaa 5:8; Ibr. 4:12; Isa. 59:17 Fayyinna akka gulloo sibiilaatitti mata'atti godhaa'a; guraadee Ayyaanaa qabadhaa'a; innillee dubbii Rabbiiti.

18Luq. 18:1; Rom. 12:12; Qol. 4:2-3 Faate'ee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa Rabbiin kadhadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.

19Tas. 2ffaa 3:1 Anillee akkasuma dhossaa Dubbii Nagayaa addaata'atti akka beessisuuf akka afaan kiyya banadhu dubbii akka naa kennu waan kiyyaafillee Rabbiin naa kadhadhaa'a.

203:1; Qol. 4:4; Qor. 2ffaa 5:20 Dubbiin Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.

Dhaamsa Dhumaa

21 Hu. Er. 20:4; Qol. 4:7-8; Xim. 2ffaa 4:12 Isinillee akkasuma attamitti akka jirru, jireenna kiyya akka beettaniif obboleessi jaalatamaanii fi Goofta'aan hojjataan amanamaan Tikiqoos waa maraa isinitti hima.

22Wonti gara keessan erguuf, waan nu keessa jiru akka isinitti himuu fi akka isin jajjabeessuuf.

23 Phex. 1ffaa 5:14 Nageenni Rabbii ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii jaalallinii fi amantiin obboleeyyaniif haa ta'u.

24Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa jaalalli hin banne worra isa jaalatan maraa woliin baadhani haa ta'u. Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help