1Sedeqiyaas hennaa Yihuudaa irratti mooyu umuriin isaa woggaa diddamii tokko ture; Yerusaalemiin woggaa kudha tokko bulche; maqaan haadha isaa Hamuxaali; isiin mucattii Ermiyaasii gosa Libina'aa turte.
2Akkuma tanaan dura mootiin Iyyo'aaqeem godhe akkasuma mootiin Sedeqiyaasillee godha'aa Rabbiin gaddisiise.
3Kanaaf Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lolee uf afo'oo isaan balleesse; Sedeqiyaas mootii Baabiloonii Nabukadanatsooriin irratti ka'e.
4Sedeqiyaas mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin irratti balaa buusu'uuf marse; loltoonni isaa naannaya qachatti'ii irra gara galanii naannaya dallawaatitti biyyee tuulan.Akkaataa Manni Woyyuun Itti Diiggame(Mot. 2ffaa 25:8-17)
12Nabukadanatsoor Baabilooniin irratti mooyee woggaa kudha sagaleesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Nabuzaardaan kabajjamaan ajajaa worra balbala mootumma'aa eeganii Yerusaalemiin seene;
13Mana woyyuu, mana mootumma'aatii fi mana namoota gugurdaa Yerusaalemiin keessa jiraatanii akkasuma gamoo gugurdaa gube.Banii Yihuuda'aa Gara Baabiloonii fidan(Mot. 2ffaa 25:18-21; 25:27-30)
24Naabuzardaan ajajaan loltootaa banii sanniin maraa woliin Sarayaa hangafa gadootaa, Sofoniyaasii gadicha baallii qabu ka isatti aanee hojjatuu fi namoota biraa sadiin balbala mana woyyuu eegan hidhee achi fide.
25Qachattii keessaallee nama baallii qabu ajajaa loltootaatii fi worra mooticha gorsan namoota torbaa ka haga hennaa sanii qachattii san keessatti argaman, barreessaa waan loltootaa gargaaraa ajajaa loltootaatii fi namoota gugurdaa biraallee jahaatama fudhate.
26Nabuzaardaan kanniin maraa gara mootii Baabiloonii qachatti Ribilaa jedhamtu bulchiinsa Haamaatii keessa jiraatu bira isaan fide.
27Mootichillee achitti isaan tumsiisee rakkisee du'aan isaan adabe; akka kanaan baniin Yihuuda'aa biyya isaanii keessaa booji'anii isaan fudhatan.
28Baay'inni namoota Nabukadanatsoor booji'ee fudhatee kana; inni mooyee woggaa torbeesso'ootitti worra Yihuudotaa kuma sadihii fi diddamii sadihi booji'e.
29Mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Yerusaalemiin keessaa namoota dhibba saddeetii fi soddomii lama;
30Akkasuma mooyee woggaa diddamii sadeesso'ootitti Nabuzaardaan worra Yihuudotaa dhibba torbaa fi afurtamii shanii booji'ee fudhate; wolitti qabaa namoonni booji'amanii fudhataman namoota kuma afurii fi dhibba jaha.
31Ikooniyaan mootiin Yihuuda'aa booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa diddamii shaneesso'ootitti bara mootiin Baabiloonii Fewel-Marodaak mooyetti mootii Yihuuda'aa Ikooniyaaniin mana hidha'aatii baase.
32Eewel-Marodaak Ikooniyaaniin akka misha'atti isa dubbisee mootota akka isaa booji'amanii Baabilooniin keessa jiraatan maraa keessaa hulee ulfinnaa ka maraa caalu kenneef.
33Kanaafuu Ikooniyaan uffata mana hidha'aa keessatti uffatu jijjiiratee haga lubbu'uun jiru akka mana mootichaa keessaa nyaata nyaatu eeyyamaniif.
34Ikooniyaan bara jireenna isaa maraa waan isa barbaachisuun akka godhatu durgoo guyyaa guyya'aan kenna'aafii turan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.