1
12 isaa itti himi; inni yoo si dhagaye obboleessa kee godhadhu.
16Kes. Deb. 19:15; Qor. 2ffaa 13:1; Xim. 1ffaa 5:19 Inni yoo si hin dhageenne ammo murtiin maruu ragaa nama lamaatiin, yookaan sadihiitiin waan mirkanaayuuf deebi'iitii nama tokko, yookaan nama lamaa qabadhuu bira dhaqi.
17Qor. 1ffaa 5:13; Tas. 2ffaa 3:6; Tit. 3:10 Inni yoo isaanillee dhagayuu dide Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin.
18 16:19; Yoh. 20:23 «Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti isin lafa irratti hiitan maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Wonti isin lafa irratti hiittan maruu sami'ittillee hin hiikkama.
197:7; 21:22; Mar. 11:24; Yoh. 16:23-24; Yaq. 1:5; Yoh. 1ffaa 5:14-15 Ammallee ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galanii yoo Waaqa kadhatan, Abbaan kiyya ka samii jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.
2028:20; Luq. 24:36; Yoh. 14:23 Hulee namoonni lamaa yookaan sadihi ta'anii maqaa kiyyaan wol gayanitti ani isaan woliin jira» jedhe.
Waan Wolii Araaramu'uu21Achiin maayessa Pheexroosi gara Yesuusii dhiyaatee, «Gooftaa'a! obboleessi kiyya yoo na yakke hennaa meeqa dhiisaaf? hennaa torbaa?» jedheen.
22Luq. 17:3-4; Efe. 4:32; Ser. Uma. 4:24 Yesuus deebisee, «Ani torbaatama hennaa torbaati siin jedha malee hennaa torba calla'a siin hin jedhu» jedheen.
23«Waan kanaaf jeennanni sami'ii mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatu'uuf barbaade tokko fakkaatti.
24Inni hennaa herreguu jalqabe nama inni gatii miliyoona hedduu irraa qabu tokko itti fidan.
25Inni waan kaffalu dhabnaan, gooftaan isaa inni, haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kaffalamu ajaje.
26Maarre hojjataan sun luka isaa jalatti kufee, ‹Naa obsi; waan maraa sii kaffalaa› jedhee kadhate.
27Luq. 7:42 Gooftaan hojjataa sanii gaddee, gatii isaallee dhiiseefii, akka deemuuf gad isa dhiise.
28Hojjataan sun ammo achii bayee hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kaffali› jedhee hudhee isa qabe.
29Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kaffalaa› jedhee isa kadhate.
30Inni ammo hin barbaanne; kanaafuu qabee haga gatii kaffaluufiif mana hidha'aatitti hiisiseen.
31Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddanii dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan.
32Achiin maayessa gooftaan isaanii isa waamsisee, ‹Ati hojjataa hamaa'a! Waan na kadhatteef gatii san maraa sii dhiise.
337:2; Luq. 6:36-38; Qol. 3:13; Yaq. 2:13; Yoh. 1ffaa 4:11 Akka ani sii dhiise hojjataa hiriyyaa kee ta'e sanii hin dhiiftuu?› jedheen.
345:25-26; Luq. 12:58-59 Gooftaan isaallee aaree, haga gatii isa irra jiru maraa kaffaluufiif worra isa rakkisutti dabarsee isa kenne.
35 6:15; Mar. 11:25 Maarre isin keessaa gari gariin obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.