Seera Bayu'uu 20 - Kitaaba Woyyuu

Ajaja Kudhanii(Kes. Deb. 5:1-21)

1Rabbi dubbii kana maraa akkana jedhee dubbate;

2«Rabbi Waandhi kee ka garbummaa biyya Misiriitii si baase ana;

3«Anaa achi Waaqa biraa hin waaqeffatin;

4«Waan Sami'ii olii, waan Ardii irraa, waan Ardii keessaa, waan galaana keessa jiraa, fakii bocame kamiinillee Waaqa kee hin godhatin;

5Isaanii hin sagadin; hin waaqeffatinille'e; ani Rabbi Waaqa hinaafu waan ta'eef worra na jibban cubbuu abbootaa dhaloota sadeesso'oo haga arfeesso'ootitti haluu baya.

7Maqaa Rabbii Waaqa keetii duwwamatti hin waamin; Rabbi worra maqaa isaa duwwamatti waamu cubbuu irraa isaan hin qulqulleessu.

8Guyyaa Sambataa woyyoomsii kabajji;

12Rabbi Waandhi kee umurii kee lafa irratti akka sii dheeressu abbaa keetii fi haadha tee kabajji;

13«Hin ajjeesin;

14«Hin seebarin;

15«Hin hatin;

16«Eennuun irrattillee dharaan hin ragin;

17«Mana eennuullee, haadha manaa eennuullee, hojjataa, hojjattuu, qotiyyoo eennuullee, harre'ee fi horii eennuullee maraa kamiinuu hin hawwin.» Sodaa Bani'ii(Kes. Deb. 5:22-33)

18Baniin maruu hennaa laagaa gigissa'aatii fi bakakka'aa, laagaa xurumba'aatii fi hennaa gaarri aaru arganii hollata'aa achi siiqanii dhaabatanii

19Muuse'een, «Ati nutti dubbadhu nu hin dhageennaa; akka hin duune Rabbi nutti hin dubbatin» jedhaniin.Ibr. 12:18-19

20Muuseen bani'iin, «Rabbi isin qoru'uuf cubbuu akka hin hojjanneef, onnee keessan keessa sodaan isaa akka taa'u gara keessan waan dhufeef hin sodaatinaa'a» jedhe.

21Baniin ammo irraa siiqanii dhaabatan; Muuseen gara duumessa daasee Rabbi jiruu siiqe.

Seerran Hulee Ciinca'aatiif Kennaman

22Rabbillee Muuse'een «Ijoollee Israa'eliitiin akka ani Samii irraa isinitti dubbadhe argitaniirtan; ana afo'otti womaa hin hojjatinaa'a;

23ana dhiiftanii waaqolee birri'ii fi worqii irraa hojjattanii hin waaqeffatinaa'a;

24hulee ciinca'aa dhoqqe'een naa huji; ciincaa fayyinna keetii ka gubamu ka hoolotaatii fi ka sangoota keetii achi irratti ciincessi; hulee maqaan kiyya itti qaabatamu marattuu dhufee si eebbisa;

25hulee ciinca'aa ka dhagaa irraa hojjatamu yoo naa hojjatte, dhagaa sibiilli tuqe irraa hin hojjatin; yoo hulee ciinca'aa san sibiilaan tuxxe hin batteessita.Kes. Deb. 27:5-7; Iyya. 8:31

26Akka qaamni kee ka saalaa hin mudhanne korto'oon gara hulee ciinca'aa hin bayin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help