Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 17 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Naataan Daawititti Hime(Sam. 2ffaa 7:1-17)

1Daawiti uduu mana mootummaa ufii keessa taa'eeru guyyaa tokko raatticha Naataaniin nama itti ergee waamsisee, «Ani mana birbirsaan ijaarame keessa jiraata'aara, saanduundhi waadaa Rabbii garuu daasee keessa jiraata!» jedheen.

2Naataan Daawitiin, «Rabbi waan si woliin jiruuf waan yaadde maraa godhi» jedhee deebiseef.

3Halkanuma san Rabbi raatticha Naataaniin,

4«Gara Daawitii garbicha kiyyaa dhaqii mana woyyuu ani keessa jiraadhu ka ijaaru si'ii miti;

5banii Israa'elii hennaa garbummaa biyya Misirii keessaa baase irraa jalqabee haga adhaa mana keessa jiraadhee hin beeku; hennaa maraa daasee keessa taa'ee hulee tokkoo gara hulee biraa naannaya'aa ture;

6hulema banii Israa'elii woliin deeme marattuu maaf birbirsaan mana naaf hin ijaarre?» jedhee nama Israa'eliin haa bulchu'uuf jedhee muude keessaa eennuun gaafadhee beeka?›

7Ammallee Daawitii garbicha kiyyaan, «Rabbi Gooftaan waa maraa danda'u hennaa ati horii tissitu banii kiyya Israa'eliin akka bulchituuf hoolota keessaa si fuudhe;

8Karaa ati deemtu marattuu ani si woliin ture; diintota tee maraa si afo'oo balleesse; akkuma bulchoonni jajjabaan maqaa mishaa qaban maqaa mishaa sii kenne.

9-10Banii kiyya Israa'elii hulee qopheessaaf, gad isaan dhaaba; isaanillee hulema ani isaan kaaye jiraatan; achiin maayessa isaan hin raafaman akka bara durii worra Israa'eliitii worra isaan irratti murteessu kennee worri hammeeyyiin deebi'anii isaan hin miidhan. Diintota tee maraa ani hin salphisa, akka Rabbi mana sii ijaaru ani sitti hima,

11Hennaa umuriin kee gayee abboota teetitti eda'amu'uuf taatu, fiixaa kee keessaa siin maayessa nama fiixaa keetii ta'u kenna, mootummaa isaallee hin jabeessa.

12Inni mana naaf ijaara; siree isaallee baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba.

13Ani abbaa isaa ta'a, Innillee ilma naa ta'a. Nama siin dura ture irraa araara kiyya akka fageesse, araara kiyya isa irraa hin fageessu;Qor. 2ffaa 6:18; Ibr. 1:5

14banii kiyyaa fi mootummaa kiyya keessa baraa haga bara baraa isa dhaaba; teessoon isaallee bara haga bara baraa jabaatee dhaabata»› jedhe.

15Akkaataa kanaan raattichi Naataan waan Rabbi isaa ibse maraa Daawititti hime.

Faatee Galataa Ka Daawiti Rabbiif Dhiyeesse(Sam. 2ffaa 7:18-29)

16Kanaan maayessa mootichi Daawiti daasee Rabbi itti waaqeffamu keessa taa'ee, «Yaa Rabbii kiyya; ka asiin na geette ani eennu? maatiin kiyyallee eennu?

17Rabbi Waaqa kiyya; kun si afo'otti waan diqqa'a; Waandhana; ati waan maatii garbicha keetii bara dheera'aan dura dubbattee akka nama baallii qabuutitti na laalte;

18Ati garbicha kee waan beettuuf ulfinna ati naa goote irratti ani Daawiti eda'ee wonti jedhu maali'i?

19Waandhana ati waan guddaa kana maraa isa beessisu'uuf akka fedha keetiititti maalalee kana maraa garbicha keetii goote.

20Waandhana ka akka keetii hin jiru, akkuma gurraan dhageenne si malee Waandhi hin jiru.

21Baniin kee Israa'el banii kamiin wolitti bikkama? Ati Rabbi banii kee ka ati garbummaa jalaa baaftee banii kee taasifte malee baniin biraa hin jiraa? banii kee biyya Misirii keessaa baaftee hambifte; hujii kee gugurda'aan, maqaa kee gudda'aa fi beekkamaa goote.

22Banii Israa'elii baraa haga bara baraa banii kee gootee atillee Waaqa isaanii taate.

23«Ammallee Rabbi Waaqa kiyya; amma wonti garbicha keetiitii fi abdiin maatii isaa ka dubbatte baraa haga bara baraa ka jabaate haa ta'u; akkuma dubbatte godhi.

24Rabbi Gooftaan banii maraa inni Waaqa Israa'eliiti; dhugamaan inni Waaqa Israa'eliiti akka jedhamu maqaan kee baraa haga bara baraa jaba'aa fi guddaa haa ta'u; manni garbicha kee ka Daawitii jabaatee waan dhaabateeruuf.

25Waaqa kiyya! Akka mana isaaf ijaartu garbicha keetitti waan ibsiteef, inni kadhaa kana si kadhachuu ugge.

26Rabbii kiyya; ati Waaqa dhuga'aati; waan mishaa kana ana garbicha keetitti waan himteef.

27Kanaafuu baraa haga bara baraa mana garbicha keetii eebbisuun fedha keeti; kanaafuu waan eebbifteef baraa haga bara baraa ka eebbifame ta'a.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help