1Muuseen ijoollee Israa'elii maraa wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Wonti akka gootaniif Rabbi isin ajaje kana;
2guyyaa jahaa hujii keessan hojjadhaa'a; guyyaan torbeesso'oo ammo guyyaa woyyuu Sambata Rabbii ka hara baafataa isinii ta'a; namni guyyaa san hojjatu maruu haa ajjeefamuu;Ser. Ba'u. 20:8-11; 23:12; 31:15; 34:21; Ser. Lew. 23:3; Kes. Deb. 5:12-14
3guyyaa Sambataatiin mana keessanitti ibidda hin bobeeffatinaa'a»
Kennaa Hujii Daasee Woyyoomeef Kennan(Ser. Ba'u. 25:1-9)4Muuseen ijoollee Israa'elii maraanuu akkana jedhe,
5«Rabbiif kennaa dhiyeessaa'a; namni kennaa Rabbii kennu akka jaalalaa fi fedha ufiititti Rabbii haa kennuu; worqii, birrii, sibiila diimaa, waan bifa Sami'ii fakkaatu,
6diimaa dhiilgee'e, uffata mishaa rifeensa re'e'ee,
7gogaa hoolaa korbeessa arrawaa, gogaa dhiisifame, muka ajo'oo,
8sayitii ibsa'aa, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaawuu fi urgoo isaa,
9dhagaa gatii gudda'aa, callee qomaa fi Efuudii irratti godhan haa fidanii.
Meeshaa Daasee Wol gayi'ii Keessatti Ittiin Tajaajilan10«Isin keessaa worri ogummaa harkaa qaban maruu dhufanii waan Rabbi ajaje maraa;
11daasee bulti'iitii fi dachaa isaa, waan qabataniin, cufanaawwan balbalaa, loosaawwan, utubaawwan, miillan,
12Saanduuqa waada'aa, Loosaawwan ittiin baadhatan, qadaada saanduuqa dhiifamsaa, golga fuula isaa dhossu,
13gabataa, loosaawwan, Meeshaa maraa, xoroshoo,
14baattuu ibsa'aa, sayitii ibsa'aa,
15girgiraa hixaanaa, loosaawwan, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaayaa, golgaa balbala hulee bulti'ii,
16waan ciincaa gubamu itti aarsan, sibiila diimaa, ka kanniin irraa waa ittisu, loosaawwan, mi'a isaa maraa, saanii irratti dhiqatanii fi ka isa irra kaayan,
17golgaawwan hulee itti gad bayanii, utubaawwan, miillan, golgaawwan balbala hulee itti gad bayanii,
18xiribbaa daase'ee ka hulee bulti'iitiin dhaaban, haada isaa,
19uffata ogeessi hojjate ka mana woyyumma'aa keessatti ittiin tajaajilan, uffata Aarooniitii fi ka ijoollee isaa ka isaan gadumma'aan ittiin tajaajilan maraa haa hujanii» jedheen.
Kennaa Baniin Fide20Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii maruu Muusee biraa deemanii
21maruu akkuma garaan isaa fedhetti uffata woyyuu ka tajaajila mana woyyumma'aatiif ta'u kennaa Rabbii gara daase'ee fidan.
22Dhiirtinii fi intaltillee akkuma garaan isaanii fedhe worqii godhatan, lootii, qubee qubaa, qubeewwan gara garaa, faaya qandhafaa maraa Rabbii fidan; namoonni maruu kennaa worqi'ii Rabbii dhiyeessan.
23Namoonni maruu uffata bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa gad diratan, rifeensa re'e'ee, gogaa dhiisifame, gogaa korbeessa hoola'aatii fi worri gogaa qabu maruu fidan.
24Namni Rabbii silata qabe maruu kennaa birri'iitii fi ka sibiila diima'aa Rabbii kenne; ka muka ajo'oo qabu maruu hujii mana Rabbiitiif fide.
25Dubartoonni ogummaa harkaa qaban harka ufiitiin jirbii fooyan; jirbii bifa sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa gad diratan ka harkaan fooyame Rabbii fidan.
26Dubartoonni ogummaa mishaa qaban maruu rifeensa re'e'ee hojjatan;
27bulchoonnillee dhagaa gatii gudda'aa, callee qomaa ka gatii gudda'aa,
28ibsaa, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaayu, urgooftu'uu fi sayitii fidan;
29dubartoonninii fi dhiirti Israa'elii maruu kennaa hujii Rabbiitiif ta'u maraa akka fedha ufiititti Rabbii fidan.
Worra Ogummaa Harkaa Qaban Ka Daasee Wol gayi'ii Keessatti Hojjatan(Ser. Ba'u. 31:1-11)30Muuseen banii Israa'eliitiin akkana jedhe, «Rabbi gosa Yihuuda'aa keessaa Baasili'eelii ilma Uurii akaakayyicha Hoorii maqa'aan waame.
31Rabbi hunna Hafuura ufiitiin hujii isaa maraan, ogumma'aan, hubanna'aa fi beekkumsaan akka guuttamu godhe.
32Akka inni hujii ogumma'aan hojjatu akka inni worqii, birri'ii fi sibiila diimaa hojjatu,
33mi'a gatii gudda'aa akka hojjatu, dhagaa akka bocu, akka muka bocuu fi hujii ogumma'aa maraa akka hojjatu isa taasise.
34Inninii fi Ayisaamikii gosa Daanii akka barsiisaniif Rabbi onnee isaanii keessa kaaye.
35Akka isaan sibiila bassan, akka hojjattoota ogeeyyii ta'an; uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa gad diratan worra uffata hodhan, worra uffata kuulanii midhaassan, worra hujii ogumma'aa maraa hojjatan godhanii akka leenjisan Rabbi ogummaa isaanii kenne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.