Raajii Isaayyaasii 21 - Kitaaba Woyyuu

Mudhata Akka Baabiloon Kuftu Mudhisu

1Dubbiin daangaa galaana

lafa gammoojji'iititti dubbatame;

akkuma haboonbolattiin kibbaa

haxaaya'aa dhufu;

worri reebu

biyya worra nagaya booreessuutii;

lafa gammoojji'iitii dhufan.

2Ani mudhata rakkisaa arge;

gantichi dabarsee kenna;

saamtichi hin saama;

Eelaam! ka'i; Meedoon ka'ii marsi!

rakkinna isiin fidde maraa hin hambisa.

3Rakkinna kanaan duddi na cite;

akka dubartii ciniinsifattuutitti hucuucame;

waan dhagayeen gatantare;

waan argeen raafame.

4Garaan na raafame;

sodaan na hollachiise;

ifti ani hawwe;

sodaa guddaa na keessa bulche.

5Dhiyana qopheessan;

afaa afan; hin nyaatan; hin dhugan!

isin muudamtoonni ka'aa'a!

wontee dhadha'aan qulqulleessaa'a!

6Gooftaan akkana naan jedhe;

«Deemi; ka eegu dhaabi;

waan arge haa dubbatuu.

7Konkolaataa fardaa;

ka farado'oon harkifamu yoo arge;

worra harree yaabbatan;

worra gaalaan gulufan yoo arge;

haa beekuu;

midhaassee haa hubatuu.»

8Ka eegu hin iyye; akkana jedheen;

«Gooftaa'a! guyyaa maraa siree rarraasa'aa irra

dhaabadheera;

halkan maraa hulema kiyya jira;

9namichi tokko konkolaataa fardaan harkifamuun

dhufeera;

akkana jedhe,

‹Baabiloon kufte; kufte!

fakiiwwan waaqa isi'ii maruu;

caccabanii lafatti kufan›»

10Isin banii kiyya ka oobdii irratti dhayamtan!

waan Rabbi Gooftaa banii maraa irraa;

waan Waaqa Israa'elii irraa dhagaye

sitti hima.

Dubbii Waan Eedoomiitiif Dubbatame

11Dubbiin waan Eedoomiitiif dubbatame;

namni tokko Seeyirii na waamee;

«Eedduu'u! bari'iif hennaa hagamtu hafe?

eedduu'u! bari'uuf hennaa hagamtu hafe?»

naan jedhe.

12Ka eegullee deebisee,

«Hin bari'a; garuu deebi'ee dhiya;

yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa'a;

garuu deebi'a'aa koottaa'a» jedhe.

Dubbiin Waan Arabaatiif Dubbatame

13Dubbii waan biyya Arabaa dubbatame;

isin worri bosona Arabaatitti quphattan;

daldaltoonni Diidaanii Siraara'aa;

14Worra dheebotee bisaan fidaa'a;

worri Teemaaniin jiraattan;

baqattootaa nyaata fidaa'a.

15Guraadee jalaa;

guraadee luqqifatame jalaa;

buundhee namatti qaban;

woraana jabaate keessa waan dheessaniiraniif.

16Gooftaan akkana naan jedhe, «Akkuma wolii galteen hojjata'aa fi hojjachiisa'aa dhumu ulfinni gosa Qeedaarii woggama tokko keessatti bada.

17Worri buundhee qabatanii lolan ka loltoota gosa Qeedaarii keessaa hafan namoota hago'o; waan kana ana Rabbii Waaqa Israa'eliititu dubbate.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help