Mudhata Yohaannisii 2 - Kitaaba Woyyuu

Ergaa Woldaa Efesooniitii Ergame

1 1:13,16,20; Hu. Er. 18:19; 19:1-40 Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. «Ka urjiiwwan torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.

2Tas. 1ffaa 1:3; Yoh. 1ffaa 4:1 Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka; akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamtoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an beette ani hin beeka.

3Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.

4 Xim. 1ffaa 5:12 Haa ta'uu ammo waan si irratti ceem'u qaba. Jaalala tee ta duraa san waan dhiifteef.

5Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali; hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee si jalaa fuudha.

62:15; Far. 139:21-22 Haa ta'uu ammo waan kana qabda: atillee akkasuma hujii Niqalaawootaa ka ani jibbu jibbiteerta.

7 22:2; Ser. Uma. 2:9; His. 28:13; 31:8 «Waan Ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›

Ergaa Woldaa Samirneesiitii Ergame

8 1:17-18; 22:13; Isa. 44:6; 48:12 «Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Samirnees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.

93:9; Qor. 2ffaa 6:10; Yaq. 2:5 Rakkinna keetii fi hiyyummaa kee hin beeka. Haa ta'uu ammo ati dureessa; arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka; isaan woldaa seexanaati.

10Dan. 1:12,14; Mat. 10:28; Yaq. 1:12 Rakkinna si irra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan; ati ammo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.

11 20:6,14; 21:8 Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu; ka mooyate du'a lammeesso'ootitti hin miidhamu.

Ergaa Woldaa Phergamooniititti Ergame

12 1:16; Isa. 49:2; Ibr. 4:12 «Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gara lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.

13«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyallee hin eedda; bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantii na irraa qabdu hin waakkanne.

14 Ser. Lak. 22:5,7; 31:16; Kes. Deb. 23:4; Ser. Lak. 25:1-3; Yihu. 11; Hu. Er. 15:29 Haa ta'uu ammo waan diqqoo si irratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Israa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aa worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'an si woliin achi waan jiraniif.

15Akkasuma akka isaan namoonni barumsa Niqolaawotaa hordofullee si woliin jira.

161:16; 19:15 Eeganaa aagii gali; yoo aagii galuu baatte ani dafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola.

17 Ser. Ba'u. 16:14-15; 16:33-34; Yoh. 6:48-50; Far. 78:24; Isa. 62:2; 65:15 «Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.

Ergaa Woldaa Tiyaaxirooniitii Ergame

18 1:14-15; Hu. Er. 16:14; Dan. 10:6 «Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirtu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa, ka lutti isaa akka sibiila boolla ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.

19Ibr. 6:10 «Hujii, jaalala, Amantii, tajaajilaa keetii fi ciniinnattee obsuu kee, hujii kee, ka duraa caalaa ka maayessaa akka caalu hin beeka.

20 Mot. 1ffaa 16:31; Mot. 2ffaa 9:22,30; Ser. Ba'u. 34:15 Haa ta'uu ammo ta ani raaga ufiin jettee garboota kiyya akka seebaran, waan waaqa tolfama'aaf qalame nyaatan ta barsiiftuu fi ta dogoggorsitu dubartii san Elzaabeliin waan itti cadhifteef waan si irratti ceem'u qaba.

21Akka aagii galtuuf hennaa isi'ii kennee ture; isiin ammo seebara irraa deebi'uu didde.

22Kanaaf dhukkubaan siree irratti isii hambisa; worra isii woliin seebaranillee hujii badaa isi'ii irraa yoo aagii galuu dhabaatan rakkinna guddaa irratti isaan gata.

23Far. 7:9; 62:12; Erm. 17:10; Mat. 16:27 Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoru hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna.

24«Isin worra Tiyaaxiroon keessatti barumsa isi'ii hin hordofneef worra, ‹Dhossaa guddaa seexanaa› jedhamu uduu hin baranne haftaniin ammo akkana jedha; ba'aa biraa isinitti hin fe'u;

253:11 haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a.

26-27Far. 2:8-9 Ka mooyatee fi ka haga dhumaa hujii kiyya eegeef anillee akkasuma abbaa kiyya irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf; ulee sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faaraatitti isaan caccabsan.

283:6,13,22; 22:16 Bakkalcha bari'ii kennaaf.

29Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help