Yohaannisii Ka 1ffaa 5 - Kitaaba Woyyuu

Adunyaa Injifachuu

1 4:15-16; Yoh. 1:12-13 Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isa irraa dhalatellee hin jaalata.

2Rabbiin yoo jaalanne, ajaja isaa yoo raawwanne, ijoollee Rabbiillee akka jaalannu kanaan beenna.

3Yoh. 14:15 Rabbiin jaalachuun ajaja isaa raawwatu'u. Ajanyi isaallee ulfaata'aa miti.

4Ka Rabbiin irraa dhalate maruu adunyaa hin injifata; adunyaallee ka injifatu amantii keenna.

54:4; Rom. 8:37 Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e nama amane malee ka adunyaa injifatu eennu?

Worra Yesuus Kiristoosiif Ragaa Bayan

6 Yoh. 19:34-35; 15:26 Bisaanii fi dhiigaan ka dhufe Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee bisaan calla'aanii miti.

7Ayyaanni dhuga'a; ka ragullee Ayyaana.

8Hu. Er. 10:47; Yoh. 3:5; Mat. 26:28 Ayyaanni, bisaanii fi dhiinni kunniin worra ragu; sadiinuu wol ta'an.

9Yoh. 5:32,36-37; 8:18 Ragaa namaa hin fudhanna. Ragaan Rabbii ammo kana caala. Ragaan Rabbii tun ta inni ilma ufiitii ragaa baye.

10Rom. 8:16; Yoh. 3:33 Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera.

11Yoh. 3:36 Rabbi jireenna bara baraa akka nuu kenne; jireenni kunillee, ilma isaa keessa akka jiru ragaan kana.

12Yoh. 3:36 Namni ilma Rabbii qabu jireenna qaba. Namni Ilma Rabbii hin qabne ammo jireenna hin qabu.

Jireenna Dhuma Hin Qabne

13 Yoh. 20:31 Isin worri maqaa Ilma Rabbiititti amantan jireenna dhuma hin qabne qabaachuu keessan akka beettaniif ani waan kana isinii barreesseera.

143:21-22; Yoh. 14:13-14 Waa maraa akka fedha isaatitti yoo kadhanne, Inni nuu dhagaya. Uggi nu isa biratti qabnullee kana.

15Ka kadhannu maraa akka nuu dhagayu yoo beenne, waan isa kadhanne maraa akka argannu hin beenna.

16 Mat. 12:31; Ibr. 6:4-6 Eennullee obboleessi isaa cubbuu jeennata bara baraatitti isa hin galchine hennaa huju arge, isaa haa kadhatuu. Rabbi jireenna bara baraa nama saniif hin kenna. Cubbuun gara du'a bara baraatitti nama geessu hin jira. Ani ammo waan kanaaf kadhadhaa'a jechuu kiyyaa miti.

17Hammeenni maruu cubbu'u; cubbuun gara du'aa nama hin geessine hin jira.

18 3:9; Yoh. 17:15 Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna.

19Gal. 1:4 Nu ijoollee Rabbii akka taanee fi adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.

20Yoh. 17:3 Ilmi Rabbii akka dhufee fi waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jirra. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.

21 Qor. 1ffaa 10:14 Ijoollee tiyya! waaqolee tolfamaa irraa uf eegaa'a!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help