Raajii Hose'ee 10 - Kitaaba Woyyuu

1Baniin Israa'elii akka biqiltuu woyini'ii ka hurbuu hedduu qabuuti, haguma daraaraa hedduu argataniin, hulee ciinca'aa heddu argataniin, hulee ciinca'aa heddu hojjatan; haguma lafti isaanii midhaan isaanii kennitee duroomaniin utubaawwan waaqa tolfama'aa ka hulee itti sagadanii bareechisanii hojjatan.

2Garaa isaanii keessa dharatu guuteera; gatii yakka ufii hin argatan; Rabbi meeshaa isaanii ka ciincaan irratti dhiyaatu maraa hin caccabsa; utubaawwan waaqa tolfama'aa ka hulee itti sagadanii maraa hin caccabsa.

3Baniin «Nu waan Rabbiin sodaachuu dhiifneef mootii dhabneerra; yoma mootii qabaannellee maal nuu godha?» jedhan.

4Kakuu sobaatiin waadaa gala'aa dubbii duwwaa dubbatan; kanaafuu akkuma lafa qonnaa keessatti aramaan hadhaa qabu biqilu akkasuma isaan keessattillee wol mormu'utu baay'ata.

5Baniin qachaa Samaariyaa keessa jiraatan waaqa tolfamaa fakii waatiyyo'ootiin hojjatame ka Beeti'aaweeniin keessa jiruu guddisanii sodaatanii hollatan; ulfinni isaanii waan isaan irraa mulqameef baniin hin booyan; gadoonni waaqa tolfama'aallee mararamanii iyyan.

6Waaqa tolfamaa gara biyya Asoorii fidanii mooticha gudda'aa akka kenna'aatitti dhiyaata; sababaa baniin Israa'elii gorsa hamaa duukaa bu'aniif saallinii fi salphinni isaan irra gaya.

7Mootiin Samaariya'aa akka hoomacha bisaan irraa ta'a.

8Huleen gugurdaan waaqolee tolfamaa itti waaqeffata'aa baniin Israa'elii cubbuu irratti hojjatan ka qachaa Aweerii jedhamu keessa jiran hin diiggaman; hulee ciinca'aa ka isaanii irratti qore'ee fi qummuuddu'utu baya; hennaa san baniin gaarraniin, «Nu dhossaa'a!» tullootaanillee «Nu golgaa'a!» jedhan.Rabbi Israa'eliin Hin Adaba

9Rabbi akkana jedha, «Hennaa baniin Israa'elii Gibi'a'atti cubbuu hojjatan irraa jalqabee haga adhaa na gaddisiisuu hin dhiifne; kanaafuu Gabaa'oonitti lolli isaanitti ka'a.

13«Isin ammo hunna keessanii fi baay'inna worra jajjabaa keessanii hedattanii hammeenna wolitti qabattan; daraaraa durummaa keessaniin argattan nyaattan.

14Banii keessan irratti lola gudda'atu dhufa; kusheen keessan maruu hin diiggaman; hennaan kun akka hennaa mootichi Sheelmaan qachaa Beeta'aarbeelii akkuma lolaan diigee fi haawwotallee ijoollee isaanii woliin lafa irratti jissee fixee ta'a.

15Worra qachaa Beeteelii keessa jiraattan! sababaa cubbuu guddaa hojjattaniitiif badiin kana fakkaatu isin irra gaya; akkuma simbirti wocceen lolli hennaa jalqabame mootii Israa'elii yoma san ajjeesan.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help