1Baqannee woggaa diddamii shaneesso'oo, Yerusaalem harka diina ufii jalatti kuftee woggaa kudha arfeesso'oo ji'a jalqabaa keessa guyyaa kudhaneesso'ootitti guyyaa san hunni Rabbii na irratti bu'ee fuudhee gara Yerusaalemii na fide.
2Mudhataan gara biyya Israa'elii na fidee gaara tokko irra na dhaabe; achitti manniin akka qachoota gaara irratti ijaaramanii fakkaatu gaarraniin gara kibbaatitti arge.Mudh. Yoh. 21:10
3Hennaa inni achi na fide nama tokko ka akka sibiilaa ifu arge; inni haada jirbii irraa hojjatamee fi ulee ittiin waa bikkan qabatee balbala dallawaa irra dhaabatee ture.Mudh. Yoh. 11:1; 21:15
4Namichi sun akkana naan jedhe, «ati ilma namaa! sababaan akka ati garana dhuftu ta'eef waan ani sitti mudhisu maraa akka hubattuuf waan ta'eef xiinxallii laali; seeraan caqasii waan argite maraa banii Israa'elii marattuu himi.»
Balbala Dallawa Gara Baya Biiftu'uu5Naannaya mana woyyu'uu dallawatu jira ture; uleen waa ittiin bikkan ka namicha harka jiru ciqilee isaa dheera'aan ciqilee jaha ta'a; badhinni dallawaa yoo bikkan ulee tokko ol; dheerinni isaallee yoo bikkan ulee tokko ta'e; ciqileen isaa ciqilee namoota biraatiin yoo wolitti bikkan ciqilee tokkoo fi taakkuu ta'a.Mot. 1ffaa 6:1-38; Sen. 2ffaa 3:1-9
6Achiin maayessa inni gara dallawa baya biiftu'uu jiruu lufee deeme; kortoo irra ijjatanii bayan qacce'etti ol bayee hulee irra dhaabatan yoo bikku innillee ulee tokko ta'e.
7Namni sun mana worra balbala eeguu hojjaan isaa ulee tokkootii fi dalgi isaa ulee tokko qaba; manni kutaan mana hara itti baafatanii ciqilee shan wol irraa fagaata; karri kaloo haga hulee irra dhaabatanii dheerinni isaa ulee tokko.
8-9Namichi hennaa balbala seensaa ka gara keessaa ol dabarsituu bikku ciqilee saddeet akka ta'e arge; badhinni ijaarsa dallawa dhaga'aa ciqilee lama; balballi ittiin seenan gara mana woyyu'uu nama fida.
10Kutaan worri balbala eegu itti hara baafatu ta cinaa gara seensaa badhinni maraatuu wol fakkaata; yabbinni ijaarsa dhaga'aa ka isaan jidduu jirullee woluma fakkaata.
11Balbala seensaa hennaa bikku dalgi ciqilee kudhan; dheerinni isaa ammo akka ciqilee kudha sadihii ta'e arge.
12Kutaa itti hara baafatan maraa afoo ijaarsa dhaga'aa gaggabaabaa ka dheerinni isaa ciqilee tokkootii fi yabbinni isaa ciqilee tokkooti; kutaan maruu bifa roga afurii qabuu fi ronni kunniin maruu dheerinna ciqilee jaha jaha qaban.
13Achiin maayessa balbala seensaa dudda duuba kutaa hara itti baafatan tokko irraa jalqabee haga dudda duuba kutaa hara itti baafatan ka lammeesso'oo dhaaba manaa irraa jalqabee haga dhaaba manaa kaanii bikkee ciqilee diddamii shanii akka ta'e arge.
14Kutaan gara dhumaa jiru gara raasa'aa nama baasa; sunillee yoo bikkamu ciqilee diddama ta'e.
15Dheerinni wol bira lufaniin balbala seensaatii jalqabee haga balbala gad bayaniinii ciqilee shantama.
16Kutaan hara itti baafataniitii fi naannofni utubaa gara keessaatii fi foddaa hedduu fi golgaa faaya bareedaa gara garaatiin midhaaffame qaba; kutaan gara dhumaa sunniinillee gara keessaatiin foddaa hedduu naannaya ufiitii qaban; utubaa hedduu ka dhaaba manaa irra akka bifa mukkiin meexxi'iititti tolchaniiran.
Bayima Itti Bayan17Achiin maayessa namichi gara bayima itti bayanii na fide; naannaya bayima itti bayanii dhagaa afamee fi kutaa heddutu jira; dhagaa afame san afoo kutaawwan soddomatu jira.
18Dhagaan afame haga bayima itti bayanii gaya; bayimni itti bayan ka keessaa irra diqqa'a.
19Balballi dallawaa ka ol guddisanii ijaaran ka gara bayima itti bayan ka gara keessaa fidu tokkotu jira; namichi sun fageenna balbala dallawa lamaanii jiru bikkee akka ciqilee dhibbaa ta'e arge.
Balbala Dallawa Gara Mirgaa20Namichi sun dallawa balbalaa ka gara bayima itti bayanii ka kolba gara kaabaatiin jiruu bikke.
21Kutaawwan sadiin worri balbala eegan hara itti baafatan bita'aa fi mirginii fi utubaawwan dhaaba manaa akkasuma balballi dallawa qacce'ee ka gara baya biiftu'uutiin jiru haga tokko dheerinni balbala dallawaa guutuun ciqilee shantama; dalgi isaa ciqilee diddamii shan.
22Foddaawwan kutaawwan gara dhumaa jiraniitii fi fakiin bifa muka meexxi'ii balbala dallawa gara baya biiftu'uutiin jiran ka duraatiin wol fakkaata; kortoon achi nama fidu torba; kutaan hulee itti wol bira lufanii ka gara dhumaatiin jiru kolba gara bayima itti bayaniitiin jira.
23Balballi akka balbala gara baya biiftu'uutiin jiruu kolba gara kaabaatiin gara bayima itti bayan ka keessaatiin ol nama seensisa; namichi balbala tokkoo haga balbala kaanii yoo bikku ciqilee dhibba ta'e.
Balbala Dallawa Gara Bita'aa24Achiin maayessa inni gara kibbaa na fide; achi balbala tokko ka gara kibbaa nama baasutu jira; namichi utubaawwan balbala dhaaba manaatii fi kutaa gara dhumaa jiru bikke; badhinni isaaniillee badhinna kanniiniitiin woluma qixa.
25Dheerinni ciqilee shantama; dalqi ciqilee diddamii shanii ka hulee wol bira lufaniinii fi akkuma kaawwanii ka foddaawwan heddu qabu.
26Kortoowwan achi nama geessu torbatu jira; kutaan gara dhumaatiin jiru hulee itti wol bira lufanitti aanee jira; utubaawwan dhaaba manaa ka gara lamaaniitiin jiru irratti ammo fakii bifa muka meexxi'ii kaasaniiran.
27Balballi dallawaa ka biraa ka bayima itti bayan ka gara keessaa nama fidu hin jira; namichi sun bayima itti bayan keessa lufee haga badhinna balbala lammeesso'oo bikke; sunillee ciqilee dhibba ta'e.
Balbala Dallawa Gara Bita'aa Ka Raasaa Itti Gad Bayan Ka Keessaa28Namichi sun kolba balbala gara kibbaatiin gara bayima itti bayan ka keessaa na fide; inni hennaa balbala dallawaa bikku badhinni balbala kaloo gara diidaatiin woluma qixa ta'e.
29Utubaawwan dhaaba manaa ka worri balbala eegu hara itti baafatuu fi badhinni kutaa gara dhumaa jirullee akkuma kaawwaniiti; dheerinni balbalaa ka hulee wol bira lufaniinii ciqilee shantama; dalgi isaa ciqilee diddamii shan; naannofni wol bira lufaniinii maruu foddaawwan qaba.
30Huleen wol bira lufaniin naannofni isaa dheerinna ciqilee diddamii shaniitii fi dalga ciqilee shanii qaban.
31Kutaan seensaa bayima itti bayan ka keessaatiin wol laala; utubaawwan dhaaba manaa irra fakiiwwan muka meexxi'iititu jira; kortoo ittiin ol bayan saddeet qaba.
Balbala Dallawa Gara Baya Biiftu'uutiin Jiru Ka Bayima Itti Bayan Ka Keessaa32Namichi sun kolba balbala dallawa gara baya biiftu'uutiin gara bayima itti bayan ka keessaa na fide; inni balbala dallawaa yoo bikku hanni isaa haguma kaawwanii ta'ee arge.
33Kutaawwan worri balbala eegu hara itti baafatu, utubaawwan dhaaba manaatii fi badhinni kutaa seensaa akkuma kaawwaniiti; dheerinni balbalaatii fi ka hulee wol bira lufaniinii ciqilee shantama; dalgi isaaniillee ciqilee diddamii shan; naannaya hulee wol bira lufaniin maraa irra foddaawwantu jira.
34Kutaan seensaa bayima itti bayan ka diidaatiin wol laala; utubaawwan dhaaba manaa irra gara lamaaniitiinuu fakiiwwan muka meexxi'ii irratti kaasaniiran; isaan kortoowwan ittiin ol bayan saddeet qaban.
Balbala Gara Kaabaa Ka Gara Bayima Itti Bayanii Ka Keessaa35Namichi sun gara balbala dallawa gara kaabaa na fide; inni yoo bikku badhinni isaa haguma kaawwanii ta'e.
36Kutaawwan worri balbala eegan hara itti baafatan, utubaawwan dhaaba manaatii fi badhinni kutaa seenanii akkuma kaawwaniiti; dheerinni balbala kutaa itti hara baafatanii ciqilee shantama; dalgi isaa ciqilee diddamii shan; naannaya hulee itti wol bira lufanii maraa irra foddaawwantu jira.
37Balballi kutaa ittiin seenanii bayima itti bayan ka diidaatiin wol laala; utubaawwan dhaaba manaa irra gara lachiinuu fakii bifa muka meexxi'ii qaban, kortoo ittiin ol bayaniin saddeet qaban.
Manniin Dhaga'aan Ijaaran Ka Balbala Dallawa Gara Kaabaa Bira Jiran38Kutaan biraallee ka balbala dallawa gara keessaatiin kolba bayima itti bayan ka gara diidaatiin wol qabatetu jira; kutaan sun balbala biraa ka bayima itti bayan ka gara seensaatiin ol nama seensisu qaba; foon horii ciinca'aaf dhiyaatuu achitti dhiqama.
39Kolba kutaa seensaa bita'aa fi mirgaan xarapheessaa lama lamatu jira; xarapheessaa sanniin irra horii waan cubbu'uutiif ciincaa yakkaatii fi ciincaa gubatuuf dhiyaatutu irratti qalama.
40Balbala seensaa gara diidaatiin balbala seensa gara kaabaa bira cinaa tokkoon xarapheessaa afurii ka wol fakkaatutu wol afoo jiran.
41Kanaafuu xarapheessaan horiin ciinca'aaf dhiyaatu irratti qalamu wolitti qaba'atti saddeetatu jira; arfan isaanii keessaan; arfan ammo gara diidaatiin taa'an.
42Akkasuma xarapheessaan afurii ka dhagaa irraa hojjatametu jira; dheerinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; dalgi isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; ol dheerinni isaanii ciqilee tokko; isaan meeshaa horii ittiin qalanii fi meeshaa ciincaa ittiin dhiyeessan irra kaayu'uuf nama fayyada.
43Waan meeshaa irra kaayu'uuf nama fayyadu ka badhinni isaa taakkuu tokkootii fi kololee mana keessaan dhaaba manaa irratti maxxansanii ijaaraniiran; xarapheessaa sanniin irra foon ciinca'aa kaayan.
44Achiin maayessa namichi sun na fuudhee gara bayima itti bayan ka keessaa na fide; achi keessa kutaawwan lamatu jira; kutaawwan sanniin keessaa tokko balbala dallawa gara kaabaatiin gara kibbbaa laala; ka lammeesso'oo ammo cinaa balbala dallawa gara kibbaatiin gara kaabaa laala.
45Namichi sun akkana naan jedhe, «kutaan gara kibbaa hulee gadootaa ka mana woyyu'uu keessatti haa tajaajilaniif baalliin kennameefitu itti hara baafata.
46Kutaa gara kaabaa laalu worra gadootaa ka hulee ciinca'aatitti haa tajaajilaniif baalliin kennameefitu itti hara baafata; gadoonni kunniin maruu worra leewwotaa ka fiixaa Saadooqii irraa dhalatanii akka tajaajilan kennameef isaanuma calla'a»
Ijaarsa Dhaga'aa Ka Mana Woyyu'uutii Fi Bayima Itti Bayan Ka Keessaa47Namichi sun hennaa bayima itti bayan ka keessaa bikku dheerinni isaa ciqilee dhibba; dalgi isaallee ciqilee dhibba ta'e; mana woyyuu afoo hulee ciinca'aa tokkotu jira.
48Achiin maayessa gara balbala kutaa seensa mana woyyu'uu na fide; kutaa ittiin seenan, utubaawwan dhaaba manaa hennaa bikku kolbi dheerinna lamaaniituu ciqilee shan ta'e; dalgi seenaniin ciqilee kudha afur; yabbinni dhaaba seensa manaa gara lachiinuu ciqilee sadihi sadihi qaba.
49Dheerinni balbala seensaa ciqilee diddama; dalgi isaa ciqilee kudha lama; kortoo ittiin ol bayan ka achi nama geessu kudhan; kortoo ittiin ol bayan lamaanii ladda utubaawwantu ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.