Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 20 - Kitaaba Woyyuu

Yoonaataan Daawitiin Gargaare

1Kanaan maayessa Daawiti Naayootii Raamaa keessa jirtuu baqatee deemee Yoonaataa bira dhaqee «Ani maal godheen? balleessaan kiyya maali'i? Abbaa kee afo'otti cubbuu maal hojjadhe ka na ajjeesuu barbaadu?» jedhee gaafate.

2Yoonaataan «Kun hin ta'u; ati hin duutu; abbaan kiyya waan gudda'aa fi waan diqqoollee uduu natti hin himin hin hojjatu! waan kana maaf na dhossa ree? lakki akkasii miti» jedheen.

3Daawitillee, «Akka ani si afo'otti gaachena argadhe dhugamaan abbaan kee hin beeka; inni Yoonaataan akka natti hin gaddine akka hin beenne jedha; garuu dhugaa maqaa Waaqa jiraata'aatii fi lubbuu teetiin sii kakadha anaa fi du'a jidduu tarkaanfii tokkotu hafe» jedhee kakate.

4Yoonaataan «Waan ati barbaaddu maraa ani sii godha» jedheen.

5Daawitillee «Boru ayyaana baatiin baatu waan ta'eef anillee mooticha woliin nyaadha; amma garuu haga iftaan galgalaatitti akka dhokadhuuf tole naa jedhi» jedhe.

6«Maal laataa yoo abbaan kee na soqe maatiin Daawitii maruu ciincaa wogga'aa waan dhiyeessaniif Daawiti gara qachaa Beeteliheemii dhaqu'uuf na gaafateera jedhi.

7Yoo mootiin maarre jedhe ani akka nagayaan jiraadhu hin beeta; yoo mootichi lole ammo akka na miidhu'uuf murteeffate hin beettaa.

8Ati Rabbiin afo'otti ana garbicha keetiif waan waadaa galteef waan mishaa naa godhi; yoo ani yakkee jiraadhe harkuma keetiin na ajjeesi malee gara mootichaa na fiddaa ree?» jedhe.

9Yoonaataan ammo, «Waan kana horoma hin yaadin! si irratti uduu waan hin taane yaadee jiraadhe kana siin jedhaa?» jedheen.

10Daawiti Yoonaata'aan, «Yoo abbaan kee dubbii hamaa sii deebise eennutu natti hima?» jedhee gaafate.

11Yoonaataan Daawitiin «Koottu! gara raasa'aa baanaa!» jedhe; isaan lamaanuu gara raasa'aa bayan.

12Yoonaataan Daawitiin «Boru hennaa kana yookaan iftaan hennaa akkanaa yaada abbaa kiyyaa gaafadhee ka'ee yoo inni yaada mishaa sii qabaate nama ergee sitti himaa Rabbi Waandhi Israa'elii naa raga'a!

13Yoo si miidhuu barbaade garuu sitti himee nagayaan akka ati deemtu yoo hin goone Rabbi miidhaa akkasii anatti haa fidu horoma ka san caalu natti haa dabalu; Rabbi akkuma abbaa kiyya woliin ta'e si woliinillee haa ta'u.

14-15Ati garuu haga ani lubbu'uun jiru mishummaa Rabbi natti mudhise uduu hin ta'in haga Rabbi diintota tee tokko tokkoon lafa irraa balleessutti ati bara baraan mishummaa kee maatii kiyya irraa hin hambisin.Sam. 2ffaa 9:1

16Waadaan kun akkuma jirutti haa jiraatuu; ka waadaa kana diige garuu Rabbi itti haa murteessu» jedheen.

17Yoonaataan Daawitiin «Akka lubbuu ufiititti waan jaalatuuf dhugamaan akka na jaalattu akka beeku ammallee naa kakadhu» jedheen.

18«Boru guyyaan ayyaana baatii haarawaati; yoo teessoon kee duwwaa ta'e ati hin yaadatamta.

19Ati ammo iftaan gara hulee duraan dhokattee turte sanitti gad bu'i dhagaa Ezelii biratti dhokadhu.

20Ani gara cinaa dhaga'aatiin malkataaf eboo sadihii darba.

21Achiin maayessa mucaa tokkoon ‹ka'ii eboo soqi jedhee eboo sii as jiru fuudhii koottu yoo jedheen dhugaa Rabbii nagayaan koottu.

22Garuu mucaa saniin, ‹eboo sii achi jirtu fuudhi yoo jedheen Rabbi sii geegessuu isaatii achumaan deemi› jedhe.

23Waan anii fi ati woliin qaandhe kana Rabbi anaa fi si jiddu'utti ragaa baya.»

24Kanaaf Daawiti bosona keessatti dhokatee ture; guyyaa ayyaana baatii haarawaa garuu Saa'ol nyaatu'uuf taa'e.

25Mootiin akkuma baratetti teessoo isaa ka ulfinnaa ka dhaaba manaa bira jiru irra taa'ee ture; hennaa san Yoonaataan mooticha afoo dhaabateera, Abeener ammo mootichaa bira taa'eera; huleen Daawiti taa'u garuu duwwaa ture;

26Garuu Saa'ol guyyaa kana hin dubbanne garaa ufii keessatti «Daawiti akka seeraatitti waan hin qulqulloofneef hafe; inni dhugamaan hin qulqulloofne» jedhee waan yaadeef.

27Ayyaana baatii guyyaa lammeesso'oollee huleen Daawitii waan duwwaa tureef, «Saa'ol ilmi Isseyii Daawiti kaleessaa fi adhallee maali'iif nyaata kana irratti hin argamne?» jedhee ilma ufii Yoonaataa gaafate.

28Yoonaataan garuu «Daawiti gara Beeteliheemii deemu'uuf na gaafate.

29Maatiin keennaa fi ani qachaa keenna keessa ciincaa waan dhiyeessaniif jedhe obboleessi kiyya akka ani dhaquuf ana ajajeeraa yabo'oo na hoffolchi yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe dhaqee obboleewwan tiyya laalee deebi'aa na hoffolchi waan naan jedheef ani isa hoffolche; kanaaf affeerraa kana irraa dhabame» jedheen.

30Hagasitti Saa'ol Yoonaata'atti aaree bobayee, «Ati ilma intala dabdu'uu fi micciiramtu'uu ilma Isseyii ka sii fi haadha si deette salphisu'uuf akka wolii galte ani sirri'itti beeka!

31Ilmi Isseyii lubbu'uun uduu jiru atii fi mootummaan kee jabaattanii hin dhaabattan; isa ajjeesuu woyyaa amma nama itti ergii garana fijjisiis!» jedhe.

32Yoonaataan abbaa ufii Saa'oliin «Inni maal godhe? maaf du'a?» jedhe.

33Sababa kanaaf Yoonaataa ajjeesu'uuf eboo qabateeruun darbateen; kanaaf Yoonaataan abbaan isaa Saa'ol Daawitiin ajjeesuu akka murteeffate hubate.

34Yoonaataan waan Daawitiitiif waan gaddeef aaree hulee nyaataatii ka'e; guyyaa lammeesso'oo womaa hin nyaanne abbaan isaa Saa'ol Daawitiin ajjeesu'uuf waan murteeffateef guddisee gadde; guyyaa ayyaana baatii haarawaa nyaata hin nyaanne.

35Bariisaa Yoonaataan akkuma haaganaa isaaniititti Daawitiin argu'uuf gara raasa'aa deeme; hennaa deemu mucaa diqqaa tokko qabatee deemeen.

36Mucaa saniin «Daddafii deemi; woraana ani darbu naa soqi jedhe; mucaanillee hin fiige Yoonaataan woraana isa irra dabarsee darbe.

37Mucaan hennaa gara hulee Yoonaataan woraana buusee gayu Yoonaataan isa waamee «Uf afoo ariifadhuu achi deemi! jedheen.

38Yoonaataan ammallee mucaa waamee dafii ariifadhuu deemi hin dhaabatin» jedheen; mucaanillee eboowwan guuree gara Yoonaata'aa dhaqe.

39Dhossaa kana ka beeku Yoonaata'aa fi Daawitiin callaa ture.

40Yoonaataan, «Woraana san itti kennee muca'aan gara qacha'aa deemi» jedheen.

41Mucaan haga lixeen maayessa Daawiti dhagaa gara bita'aa hulee itti dhokatee ka'ee kallacha ufiitiin haga lafa gawutti gad jedhee hennaa sadihii sagade; inninii fi Yoonaataan hennaa wol dhungatanii wolitti booyan Daawiti Yoonaataa caalaa booye.

42Achiin maayessa Yoonaataan «Nu lamaan jidduu, Rabbi ana fi si jiddu'utti, fixaa keetii fi fiixaa kiyya jidduu baraa haga bara baraa Rabbi ragaa haa ta'u jennee maqaa isaatiin wolii kakanneerra; kanaaf nagayaan taa'i» jedhee Daawiti ka'ee deeme; Yoonaataanillee gara qacha'aa gale.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help