1Bulchaan loltoota Sooriya'aa Ni'iimaan Rabbi sababaa isaatiin worra Sooriya'aa waan mooyachiiseef inni gooftaa ufii biratti nama kabajjama'aa fi jaalatamaa ture; inni garuu nama dhibee gogaa kukkutuun qabameeru.
2Hennaa worri Sooriya'aa worra Israa'elii irratti balaa buusan mucattii durbaa ta worra Israa'elii takka booji'anii fudhatanii turan; isiin haadha manaa Ni'iimaaniitii garbittii taatee jiraata'aa turte.
3Isiin haadha manaa gooftaa ufii ta Ni'iimaaniitiin, «Gooftaan kiyya uduu raatticha Samaariyaa jiru bira dhaqee silaa dhibee kana hin fayya!» isi'iin jette.
4Ni'iimaan haga waan kana dhagaye waan mucattiin durbaa sun jette maraa isatti hime.
5Mootiin Sooriya'aa Ni'iimaaniin, «Xalayaa kana qabadhuutii gara mootii Israa'elii dhaqi» jedhee isa hoffolche.
Kanaafuu Ni'iimaan birrii saqilii kuma soddomaa, worqii kuma jahaatii fi uffata jijjiiratu qabateefii deeme.
6Xalayaan inni qabatee deeme kun, «Waan garbicha kiyya Ni'iimaanii ajajaa loltootaa ka ibsu waan ta'eef, dhibee gogaa kukkutu kana irraa akka fayyiftu barbaadaa» ka jedhu.
7Mootiin Israa'elii haga xalayaa kana dubbise uffata ufii tarsaase; laagaa ufii ol qabatee «Mootichi Sooriya'aa attamitti akka ani nama kana isaa fayyisutti yaade? ani nama dhibee goga'aa irraa fayyisu, ani akka Rabbii ajjeesu'uu fi kaasu'uufillee baallii qabu na seeyee? dhugamaan dubbiin kun akka inni naan loluu barbaade mudhisa!» jedhe.
8Namni Rabbii Eelsaa'i mootiin Israa'elii akka uffata ufii tarsaase haga dhagaye «Uffata kee maaf tarsaafte? Inni gara kiyya haa dhufuu akka Israa'eliin keessa raanni jiru itti mudhisaa» jedhee mooticha Israa'eliititti erge.
9Kanaafuu Ni'iimaan fardaa fi gaarii fardaatiin dhufee balbala gara mana Eelsaa'ii seensisu afoo dhaabate.
10Eelsaa'i «Deemii laga Yoordaanosiititti hennaa torba dhiqadhu nafti kee fayyee qulqulluu ta'aa» jedhee dhaamsa itti erge.
11Ni'iimaan aaree lolee akkana jedhe; «Inni waan gara kiyya dhufee maqaa Rabbii ufii waama'aa harkaan nafa kiyya ka na dhukkubu qaqqaba'aa na fayyisu seeye;
12Eega ka bisaaniin fayyu ta'e lanni Damaasqo'oo Abaana'aa fi Faarfaan bisaan worra Israa'elii maraa hin caaluu? isaan keessatti dhiqadhee silaa qulqullaawuu hin danda'uu!» jedhee lola'aa uf irra gara galee deeme.
13Hojjattoonni isaa isatti dhiyaatanii, «Gooftaa keenna; uduu raattichi akka ati waan jabaa gootu si ajajee jiraatee silaa hin raawwatta; eeganaa akkuma raattichi si ajajetti dhiqattee dhibee irraa fayyuu maaltu si dhoogga?» jedhaniin.
14Kanaaf Innillee akkuma raattichi Rabbii isaan jedhetti laga Yoordaanosii keessa seenee hennaa torba keessa gad lixa'aa ol baya'aa dhiqannaan nafti isaa qulqullaayee akka nafa daa'immanii ta'e.
15Achiin maayessa inni hojjattoota ufii woliin gara nama Rabbii dhufee isa afoo dhaabatee «Waaqa Israa'elii malee Waandhi biraa biyya maraa keessa akka hin jirre amma beekeera; kanaafuu ana garbicha kee irraa kennaa akka fudhattu si kadhadha» jedheen.
16Eelsaa'i, «Rabbii jiraataa isa afoo dhaabadhee tajaajiluun kakadhee si irraa hin fudhu» jedheen; inni deddeebi'ee kennaa isaa akka fudhatu kadhate; raattichi garuu fudhachuu dide.
17kanaaf Ni'iimaan raattichaan, «Ani garbichi kee ammaa achi Rabbiif malee waaqa tolfamaa biraatiif ciincaa waan hin dhiyeessineef biyyee fe'aa gaangee lamaa qabadhee deemaa na hoffolchi» jedheen.
18Kanaafuu mootii biyya kiyyaa woliin gara waaqa tolfamaan Sooriya'aa itti waaqeffamu seenee uduu waaqeffadhelle'ee Rabbi akka naa araaramu abdii godha; innillee naa dhiisa!»
19Eelsaa'i Ni'iimaaniin «Nagayaan deemi!» jedheen;
innillee ka'ee isa biraa deeme.
20Hojjataan nama Rabbii Giyaaz «Gooftaan kiyya Ni'iimaanii nama Sooriya'aatii hin dhiiseef; waan inni isaa fide keessaa womaa hin fudhanne; maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee isa faanaa fiigee waa harkaa fudhadha» jedhe.
21Kanaaf Giyaaz Ni'iimaaniin hordofe; Ni'iimaan akka inni isa faanaa fiiga'aaru arginaan isaan wol argu'uuf gaarii fardaa irraa bu'ee «Maal nagayaa?» jedhee isa gaafate.
22Innillee «ani nagayuma dhufe; ka'imtoonni lamaa ka gara worra raattotaa ta'an biyya gaaraa ka Efreemiitii natti dhufaniiranii saqilii tokkoo fi uffata lamaa ka isaan jijjiiratan akka isaanii kennitu si kadhadha jedhee gooftaan kiyya na erge» jedheen.
23Ni'iimaanillee «Saqilii lamaa sii haa kennanii» jedhee deebiseef; innillee saqilii lamaa qalqala keessa kaayee uffata lama ka isaan jijjiiratanillee hojjattoota ufii qabsiisee isaanillee qabatanii isa afoo deeman.
24Isaan hennaa gaara Eelsaa'i irra jiraatu gayan Giyaaz qalqala lamaa harkaa fuudhee haga mana seensiseen maayessa hojjattoota Ni'iimaanii geegesse; isaanillee ka'anii biraa deeman.
25Giyaaz mana seenee gooftaa ufii afoo dhaabannaan gooftaan isaa Eelsaa'illee, «Haga ammaa eessa turte?» jedhee gaafate.
Innillee, «Ani garbichi kee eessallee hin deemne» jedhee deebiseef.
26Eelsaa'illee, «Hennaa namichi si dubbisu'uuf gaarii fardaa irraa bu'e ayyaanni kiyya si woliin hin turree? Amma hennaan tun hennaa saqili'ii fi uffata hulee ejersaa fi woyinii itti dhaaban, hoola'aa fi sangoota yookaan hojjattoota dhiiraatii fi ta durbaa fudhattuu miti.
27Eeganaa dhibeen gogaa kukkutu ka Ni'iimaanii gara kee lufa; atii fi fiixaan kee maruu baraa haga bara baraa dibee kana irraa hin qulqullooftan» jedheen;
Giyaaz hennaa bayee deemu dhibeen goga'aa waan isatti lufeef nafti isaa adii akka barada'aa ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.