1Baldaadoos namni biyya Shuha'aa akkana jedhee deebise,
2«Haga yoomii waan kana dubbatta?
haga yoomii dubbiin afaan keetiillee akka qilleensa haboonbolatti'ii ta'a?
3Dhugamaan Rabbi murtii dabsaa?
Waandhi maraa danda'u qajeellummaa dabsaa?
4Ijoolleen tee yoo ka Rabbiin yakkaniiranii,
inni yakka isaaniitiif isaan adaba.
5Uduu gara Rabbii deebitee,
Waaqa maraa danda'u uduu kadhattee,
6Qulqullu'uu fi qajeelaa uduu taatee,
inni daddafee
hulee sirri'iititti si deebisa.
7Jalqabni kee diqqaa yoo ta'ellee
dhumni kee baay'ee guddaa ta'a.
8-9Barri keenna lafa irratti akka gaaddisaati,
Nu worra kaleessaa waan taaneef womaa hin beennu,
kanaaf dhaloota duraa gaafadhu,
waan abboonni isaanii dur beekan jabaadhuu qoradhu.
10Isaan worra si barsiisuu fi worra sitti himu;
isaan worra waan hubatan garaa ufii keessaa baasanii sitti himanii mii?
11Dhallaadduun hulee caffaa hin taanetti hin biqilaa?
yookaan beeleen bakka bisaan hin jirretti hin lalisaa?
12Yoo kana hin taane uduu gayee hin muramne,
biqiltuu kaawwan dura goga.
13Dhumti worra Rabbiin irraanfataniillee akkasuma,
abdiin nama Rabbiin irraanfatuullee hin bada.
14Abdiin isaa hin cita;
amantiin isaallee akka mana daarabaaftu'uu ta'a.
15Inni mana daarabaaftu'uu sanitti hin irkata;
manni sun garuu hin dhaabatuuf;
hin qabata, harkatti cita.
16«Inni aduu keessatti akka biqiltuu bisaan dhugee lalisuuti
haafni isaallee dhaaba isaa irra yaa'a.
17Hiddi isaa dhagaa tuulame irratti marama;
dhaga'atti maxxana.
18Yoo namni hule'ee buqqise,
huleen isaa hin beekkamu.
19Kunoo gammachuun jireenna isaa akkana;
ka biraallee lafa irraa marga.
20«Rabbi garuu nama amanaaa hin gatu;
harka worra cubbamtootaa hin jabeessu.
21Kanaafuu afaan kee deebi'ee kolfaan guuta;
Akka ililfattu si taasisa.
22Worri si jibban salphinna uffatan;
daaseen cubbamtootaallee hin bada.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.