Raajii Hose'ee 8 - Kitaaba Woyyuu

Baniin Israa'elii Waan Waaqa Tolfamaa Waaqeffataniif Gorfaman

1Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya waan waadaa kiyya diiganii fi isaan seera kiyya cabsanii diinni mana kiyya irratti akka rumichaa waan naannaya'aaruuf xurumbaa isaan seeru afuufaa'a!»

2Isaan anaan, «Waaqa keenna! nu'u baniin kee si beenna jedha'aa gara kiyya iyyan.

3Garuu baniin Israa'elii waan mishaa waan jibbaniif diinni isaan ari'a.

4«Isaan fedha kiyya malee mootota moosisan; uduu na hin gaafanne abboota murti'ii muudan; isaan waaqolee tolfamaa isaan balleessan meeti'ii fi worqii ufii irraa hojjatatan.

5Isin banii Samaariya'aa! ani waaqa tolfamaa fakii waati'ii keessan jibbeera; dheekkamsi kiyya akka ibiddaatitti isin irratti bobaya; isin haga yoomii badii irraa qulqullaayuu diddan?

6Fakiin waaqa tolfamaa waati'ii kun ka harka nama ogeessaatiin hojjatame waan ta'eef Waaqa ta'uu hin danda'u; kanaafuu waandhi tolfamaan Samaariya'aa ka fakii waati'iitiin hojjatame caccabee kufa.

7Isaan akka nama qilleensa waamee bubbee haamatuu ta'an; maqaan midhaanii ka hurbuu hin qabne midhaan ta'uu hin danda'u; yoma daraaraa qabaatellee kama worri ormaa nyaatan woyya.

8Baniin Israa'elii worra Yihuudota hin taane keessatti liqimfamanii akka meeshaa gatii hin qabnee ta'aniiran.

9Isaan akka harree wojjuma ufii lafa onaa keessa olii gad tarara baduu gara mootii Asoorii deeman; akka isaan eegan moototaa gatii kaffala'aa shelatan.

10Mootota Shelachu'uuf yoma gatii kaffalanillee ani hulee tokkotti wolitti isaan qaba; isaan miidhaa mootonninii fi abboonni murti'ii isaan irra geessaniin huqqata'aa deeman.

11Baniin Israa'elii hulee ciinca'aa heddu dhiifamsa cubbu'uutiif jedhanii hojjataniiran; huleen ciinca'aa sunniin ammo hulee cubbuu itti hojjatan ta'eera.

12Ani seera kiyya keessaa seera isaan ittiin bulan heddu barreessee isaanii kenne; isaan ammo akka waan keessumma'aatitti laakkayan.

13Isaan yoma ciincaa mishaa naa dhiyeessanii foon ciinca'aa uduu nyaatanille'ee ani Rabbi ufitti isaan hin fudhadhu; ani amma yakka isaanii isaanitti yaadee cubbuu isaaniitiin isaan adaba; isaan gara biyya Misirii hin deebi'an.

14Baniin Israa'elii mana mootumma'aa gugurdaa ufiif hojjataniiran; baniin Yihuuda'aallee qachoota hedduu kushee ijaarataniiran; kanaafuu ani ibidda qachoota isaaniitii fi kushee isaanii gubu isaanitti erga.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help