Seera Keessa Deebii 25 - Kitaaba Woyyuu

1«Namni lamaa wol lolee falmi'iif gara mama murti'ii yoo dhufan abboonni murti'ii miidhamaa bilisa; ka miidhe garuu yakkamaa jedhanii haa murteessanii;

2namni yakka uume sun tuma'aan akka adabamu gara'aan lafa irra ciibsanii dudda isaa akka tuman abbaan murti'ii haa ajaju; laakkobsi tuma'aa ka murtaayu haga yakka hojjateetiin;

3harka afurtamaa haa tumamuu; afurtama hin caalin achii ol yoo tumame obboleessi kee afoo keetitti waan salphatuuf.

4«Sangaa midhaan ayiidu afaan hin hidhin.Seera Obboleessi Obboleessa Ufii Ka Uduu Hin Uumanne Du'ee Godhu

5«Obboleewwan woliin jiraatan tokkochi uduu hin uumanne yoo du'e, haati manaa namicha du'ee sun ka biraatitti heerumu'uuf diida hin bayin; obboleessi abbaa worraa isi'ii isii fuudhee woliin haa jiraatuu malee;

6maqaan nama du'ee sun Israa'eliin keessaa akka hin banne finna hangafa dhalatu maqaa obboleessa isaa ka du'eetiin haa waamamuu;Seera Gara Garaa

11«Namoonni lamaan yoo wol lolan haati manaa ka tokkichaa abbaa worraa ufii gargaartee dhaluu namicha abbaa worraa isi'ii dhaya'aaruu san yoo qabde,

12gara nyaattoo malee harki isi'ii haa muramuu.

13«Nama gowwoomsu'uuf qaraciitii kee keessa madaalli lamaa gudda'aa fi diqqaa hin kaayin.

14«Mana kee keessallee madaala gudda'aa fi diqqa'aan hin safarin;

15-16namni waan kana godhu, namni waan badaa Rabbii Waaqa ufii afo'otti hojjatu Rabbiin afo'otti jibbamaa waan ta'eef lafa Rabbi Waandhi kee sii kenne irratti umuriin kee akka dheeratu Rabbii Waaqa kee afo'otti madaala dhuga'aa qabaadhu.Ajaja Worra Amaaleqii Balleessu'uuf Kenname

17«Hennaa biyya Misirii keessaa baatan waan worri gosa Amaaleqii karaa irratti isin irra geesse yaadadhu;

18isaan worra Rabbiin hin sodaanne waan ta'aniif karaa irratti si morman; atillee dadhabdee worra dadhabanii siin maayessa hafan maraa balaa itti buusan.

19Kanaafuu lafa Rabbi Waandhi kee akka ati dhaaltuuf sii kenne irratti diintota si marsu maraa irraa Rabbi Waandhi kee hennaa hara si baafachiisee worra Amaaleeqii lafa irraa balleessuu sirima hin irraanfatin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help