1Worri Israa'elii maruu Keebroonitti gara Daawitii dhaqanii «Nu maruu fira kee ka dhiigaati;
2baroota darbe keessa Saa'ol hennaa mootii ta'ee jiru ‹situ banii Israa'elii duulaaf bobbaasa; banii kiyya banii Israa'elii situ bulchaa; situ masakkalle'e› jedhee Rabbi Waandhi kee sitti himeera» jedhaniin.
3Haala kanaan jaarsonni biyya Israa'elii maruu Keebroonitti Daawitiin bira dhaqanii, Daawitillee Keebroonitti Rabbiin afo'otti isaan woliin waadaa gale. Akkuma Rabbi Saamu'eelitti hime akka inni banii Israa'elii irratti mootii ta'uuf Daawitiin moosisan.
Daawiti Worra Yerusaalemii Mooyate4Mootichi Daawitii fi baniin Israa'elii maruu dhaqanii qachaa Yerusaalemii dhayan; hennaa san qachattiin sun Iyyaabus jedhamti; worri lafa san irra jiraata'aa turan banii Iyyaabusootaati. sanniin keessaa akka nama tokkootittillee yoo hin laakkayaminii jannummaa ufii hojjateen ulfinna ulfinna isaanii caalu waan argateef bulchaa isaanii ta'uu danda'e.
22Banayaas ilmi Yoodaahe'ee biyya Qabsi'eeliititti loltuu gurra dhagayate ture; inni loltoota lamaa ta biyya Moo'aabii ajjeesuu callaa uduu hin taane jabeenna biraallee baay'ee hojjate; guyyaa tokko hennaa qorri bu'e goda tokko keessa seenee leenca ajjeese.
23Nama biyya Misirii tokkollee ka lolaan gurra dhagayate, ka woraana harkaa qabu, ka hojjaan isaa meetira lamaa ol ta'e jabaa tokkollee ajjeeseera. Banayaas ulee malee uduu meeshaa lolaa ka biraa harkatti hin qabanne nama biyya Misirii tokkotti dhiyaatee dhayeenii woraana isaa ka meeshaa worra woccuu dhawuu fakkaatu irraa fudhatee ajjeeseen.
24loltoota soddomaa keessaa hujiin jannumma'aa ka Banayaas hojjate kanniin.
25Inni namoota soddomaa sanniin keessaa nama guddisee beekkamellee yoo ta'e jannummaan inni hojjate jannoota sadihii sanniin hin gawu; Daawiti Banayaasiin ajajaa waardiyyootaa godhee muude.
26-47Maqaan namoota biraa ka namoota soddomaa sanniin keessaa kanniin;
Isaanillee Asaahelii obboleessa Iyyoo'aabii,
Eeliyaanaa ilma Duudii nama Beeteliheemii,
Saamootii nama gosa Haaroorii,
Seeleesii nama gosa Filoona'aa,
Israasii ilma Isaakii nama gosa Teequhe'ee,
Abi'eezarii nama gosa Anaatootaa,
Sebekaayii nama gosa Huusii,
Eelaayii nama gosa Ahooha'aa,
Noo'eeree nama gosa Naxoofa'aa,
Heeleedii ilma Ba'aanaa nama gosa Naxoofa'aa,
Itaayii ilma Riibaayii biyyi Gibi'a'aa,
Banayaasii nama gosa Pharaatoonaa,
Uurii nama gosa Arabaa ka laga Ga'aasii,
Aazmootii gosa Baahiruuma'aa,
Eliyaahibaa gosa Saalboona'aa,
ijoollee Asiinii ta gosa Gizoona'aa,
Yoonaataa Ilma Shaage'ee,
Aminaanii ilma Haraarii ka gosa Arooda'aa,
Eelfaalii ilma Uurii ka gosa Mekeraata'aa,
Ofeer, Akiyaa gosa Filoona'aa,
Haxeroo gosa Qarmeloosii,
Naxaraayii ilma Hezbaayii,
Iyyoo'elii obbooleessa Naataanii,
Miliherii ilma Hagerii gosa Amoona'aa,
Iyyoo'aabii ilma Xiruya'aa,
Loltuu Iyyoo'aabiin gargaaru,
Nahaaraayii gosa Beerotaa,
Iraasii gosa Yitira'aa,
Gaareebii gosa Yitira'aa,
Ooriyoo gosa Keexotaa,
Zaabaadii ilma Ahilaayii,
Adinaa ilma Shiizaa gosa Roobeelii,
ilma bulchaa worra gosa Roobeeliiti;
Isa woliinillee namoota Soddomatu jira,
Isaanillee Hanaanii ilma Maa'ika'aa,
Iyyoosaafixii gosa Miitina'aa,
Ooziyaa gosa Astaarotaa,
Yi'i'eelii fi Shaamaa ijoollee Kootaamii,
Yidi'eelii ilma Shimirii,
Yohaa obboleessa isaa ka gosa Tiida'aa,
Ee'i'eelii gosa Mabawaa,
Yiribaayi, Yoshaawuyaa,
ijoollee Eelna'aamii,
Yitimaa gosa Moo'aabii Eeli'eel,
Oobeedii fi Isi'eelii gosa Mixooba'aa fa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.