Kitaaba Faaru'uu 111 - Kitaaba Woyyuu

Galata Rabbiif Dhiyaate

1Halee luyaa!

wol geettii worra qajeela'aa

gumii isaanii keessatti

garaa kiyya guutu'uun Rabbii galata

dhiyeessa.

2Hujiin Rabbii gudda'a;

worri itti gammadan maruu hin dhudhuman;

3Hujiin isaa ulfinnaa fi gaachena qaba;

balchummaan isaa baraa haga bara baraa

jabaatee jiraata.

4Akka hujiin isaa ka maalale'ee

qaabatama'aa jiraatu godhe

Rabbi arja'a; gara laafessalle'e.

5Worra isa sodaatanii nyaata kenne;

waadaa ufii baraa haga bara baraa hin qaabata.

6Banii ufiitii ristii worra Yihuudota hin taanee kennu'uun;

jabeenna hujii ufii mudhiseera.

7Hujiin harka isaa ka dhuga'aatii fi qajeela'a;

seerri isaa maruu amanama'a.

8Baraa haga bara baraa ka jabaate;

ka dhuga'aa fi qajeellumma'aan ijaarame.

9Banii ufiitii fayyinna erge;

waadaa ufii baraa haga bara baraa ajaje;

maqaan isaa woyyu'uu fi ka sodaatame.

10Rabbiin sodaachuun jalqaba ogumma'aati;

worri ajaja isaa raawwatan hubannaa

mishaa qaban;

galanni isaallee baraa haga bara baraa jiraata.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help