1Mootiin Baabiloonii Bilxaasoor mooyee woggaa jalqabaatitti uduu inni siree ufii irra ciiseeru Daani'eel eebju'uu fi mudhata arge; achiin maayessa eebjuu eebjote san hin barreesse.
2Inni akkana jedhe, «Ani Daani'eel bubbeen gara arfaniinuu ka'e hennaa galaana raasu halkan mudhataan arge.
3Bineensi afurii ka bifa gara garaa qaban hennaa galaanaa bayan arge.Mudhata Waan Baraa Haga Bara Baraa Jiraatuuf Mudhate
9Uduu ani laalu teessoowwan ulfinnaa badhifaman; ka dur ture sun teessoo ulfinnaa ufii irra taa'e; uffanni isaa akka barada'aati; rifeensi mataa isaa akka biqiltuu suufi'ii adi'i; teessoon isaa ka ulfinnaatii fi teessoon isaa ka akka miila korbo'oo akka ibidda bobawuutitti mallisa.Hiikkaa Mudhataa
15Ani Daani'eel mudhata argeen hucuucamee keessi kiyya na raafame;
16Worra achi dhaabataniiran keessaa gara nama tokkoo siiqee hiikka dhuga'aa ka waan kana maraa isa gaafadhe; inni hiikkaa waan kanniin maraatuu natti hime.
17Inni akkana naan jedhe, «Bineensonni arfan gugurdaan kunniin mootota arfan lafa kana irratti mooyan.
18Woyyoonni Rabbii maraa olii ammo mootummaa kana dhaalanii baraa haga bara baraa ka ufii taasifatan.»
23Inni hiikkaa isaa Bineensa arfeesso'oo mootii arfeesso'oo ka biyya irratti moowu; mootiin kun mootummoota kaawwaniin waan adda ta'eef biyya maraa qabatee gad qabee hunnaan bulcha.
24Gaafni kudhanii mootota kudhanii ka mootummaa san keessatti mooyan; achiin maayessa mootiin mootota duraa caalu mooyee mootota kudhan keessaa mootota sadihii gara galcha.
28Hiikkaan eebju'uu kana irratti raawwata; ana Daani'eeliin yaanni kun guddisee na sodaachise; waan guddisee nayeef fuulli kiyya gurraachate; ani garuu waan maraa garaa kiyya keessatti dhossee qabadhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.