1 10:36; Qor. 1ffaa 9:24-27; Xim. 1ffaa 6:12 Eeganaa raattota hagana gayan naannaya kenna eega nuu jiraatan nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee,
2Yesuusii mataa amantii keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.
3 Mat. 26:67; Luq. 2:34 Lubbuu keessaniin hifattanii akka hin dadhabne, Yesuusiin mormii cubbamtoota irraa isa gaye obse san qaabadhaa'a.
4Qor. 1ffaa 10:13 Cubbuu woliin wondhaansa baya'aa haga dhiinni keessan jigutti hin falmanne.
5Mam. 3:11-12; Iyyo. 5:17; Mudh. Yoh. 3:19; Qor. 1ffaa 11:32 Akka ijoolle'eellee isin woliin,
«Ilma kiyya! adabbii Goofta'aa hin salphisin,
hennaa inni si gorsu hin dadhabin;
6Gooftaan nama jaalatu adaba,
finna akka ilma ufiititti fudhatu maraa, hin tuma» jedhee
gorsa dubbatu irraanfattaniirtan; adabamu'uuf obsaa'a.
7Rabbi akka ijoollee ufiititti waan isin laaluuf ilmi abbaan hin adabne eennu?
8Far. 73:14-15 Haa ta'uu ammo isaan maruu isaan woliin adabamaniiran, adabbii malee yoo jiraattan isin diqaala'a malee ijoolle'ee miti yookaan ilmaanii miti.
9Mam. 10:17 Nu abbootii hagana irra nu adaban qabna; isaanillee hin kabajjina. Eeganaa lubbu'uun jiraachu'uuf abbaa keenna ka Ayyaanaatii attamitti kana caalaa hin ajajamne?
10Isaan waan mishaa seeyanii hennaa diqqo'oof nu adaba'aa turan, Inni ammo woyyummaa isaa irraa akka qoodamnuuf faayidaa keennaaf jedhee nu adaba.
11Adabbiin maruu hennaa diqqo'oof waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Haa ta'uu ammo worra mi'eeffateef sanyii qajeellumma'aa ka nagaya uf keessaa qabu daraara.
12 Isa. 35:3 Kanaafuu irree keessan ka dadhabe, ka laafee fi jilba keessan jabeeffadhaa'a.
13Mam. 4:26-27 Ka hokkole akka fayyuuf malee akka hin diiggamne, luka keessaniif karaa qajeelfadhaa'a.
14 Far. 34:14-15; Mat. 5:8-9; Rom. 12:18; Xim. 2ffaa 2:22 Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a; Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef.
15Qor. 2ffaa 6:1; Kes. Deb. 29:18; Hu. Er. 8:23 Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne;
16Ser. Uma. 25:29-34 yookaan akka Eesawu nyaataaf jedhee hangafummaa ufii gurguratee nama adunyaa kanaaf tolu akka hin taane uf eeggadhaa'a.
17Ser. Uma. 27:30-34 Achiin maayii hennaa eebba argachuu barbaade akka dhabe isinuu hin beettan. Hagamillee booyee Aagii soqe'eef hin arganne.
18 Ser. Ba'u. 19:12,16-22; Kes. Deb. 4:11-12 Isin gara gaara Siina'aa ka harkaan qaqqabamuu yookaan ka ibiddaan gubatuu, gara hurri'ii, gara dukkanaa, gara bubbe'ee, gara hulee laagaa xurumba'aa yookaan gara laagaa dubbii himamuu hin dandeennee hin geenne.
19Ser. Ba'u. 20:18-21; Kes. Deb. 5:22-27 Worri waan san dhagaye akka dubbiin biraa isaanitti hin dubbatamne kadhatan.
20Ser. Ba'u. 19:12-13 Ajanyi, «bineensoonnillee gaara san yoo tuqan dhaga'aan tumamanii haa ajjeefamanii» jedhu, waan isaanitti ulfaateef obsuu hin dandeenne.
21Kes. Deb. 9:19 Wonti achitti dhagayame akka malee waan sodaachisuuf Muuseenillee, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe.
22 Gal. 4:26; Mudh. Yoh. 14:1; 21:2; 5:11 Haa ta'uu ammo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yerusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wol gayaniiranii, gara Maleekkota laakkobsaa olii,
23gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu,
249:15; 11:4; Ser. Uma. 4:10; Phex. 1ffaa 1:2 gara Yesuusii jiddu galeessa waadaa haarawaa, gara dhiiga facaafamuu ka dhiiga Aabeelii caalaa dubbatuu danda'uu bira geettaniirtan.
25 2:1-3; 10:28-29; Ser. Ba'u. 20:22 Ka dubbata'aaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana?
26Far. 68:8; Hag. 2:6; Mat. 24:29 Hennaa san laagaan isaa lafa sochoose. Amma ammo hennaa tokko deebi'ee, «Ani samii sochoosa malee, lafa calla'aa miti» jedhee waadaa galeera.
27Mudh. Yoh. 20:11; Qor. 2ffaa 5:1 Haa ta'uu ammo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookaan wonti uumame akka badu mudhisa.
28Qol. 1:12 Kanaafuu jeennata hin raaffamne waan argannuuf, Rabbiin kabajju'uuf sodaatu'uun gammachiisa'aa, badhaadha isa ittiin waaqeffannu haa qabaannuu.
29Kes. Deb. 4:24; 9:3; Isa. 33:14 Waandhi keenna dhugamaan ibidda balleessu waan ta'eef.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.