Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Fiixaa Yihuuda'aa

1Fiixaan Yihuuda'aa Faarees, Asroom, Karmii, Hoorii fi Soobaaliin fa'a.

2Soobaal Raayaa uumate; Raayaan I'eetiin uumate; I'eeti Ayoomaanii fi Lahaadiiniin uumate; kunniin worra gosa Tsooriya'aati.

3Ilmaan Exaamii Iyiziraa'el, Yeshimaa fi Yidibaashi; obboleettiin isaanii Hatsileelfoon.

4Abbaan Gedoorii Faanu'eel; abbaan Hashimii Atseer; kunniin maruu ijoollee Efraataa abbaa Beetaliheemii ta ilama hangaftichaa ta Hooriiti.

5Ashaahuriin qachaa Tequhe'ee ijaare haadha manaa lamaa ta Helaalaa fi Naa'iraa jedhamtu qaba.

6Ashaahuri haadha manaa ufii ta Naa'iraa jedhamtu irraa Ahuzaamiin, Oofeeriin, Teemnii fi Ashtaariin fa'a uumate; kunniin ijoollee Naa'ira'aati.

7Akkasuma haadha manaa ufii ta Heelaa jedhamtu ijoollee dhiiraa Deereet, Hitsihaarii fi Eetinaariin deetteef.

8Qootsi ijoollee dhiiraa Anoobii fi Tsoobeebiin uumate; akkasuma Qootsi ilma Haaroomii fiixaa gosa Arhaarheelii ta'aniifillee abba'a.

9Yaabeetsi obboleewwan ufii keessaa nama kabajjamaa waan ta'eef haati isaa ani ciniinsuu gudda'aan isa dayeera jettee maqa isaa «Yaabeetsi» jettee itti baafte.

10Yaabeetsillee «Yabo'oo eebba keetiin na eebbisi; daangaa biyya kiyyaallee badhisi; harki keellee na woliin haa ta'u; akka hin gaddine waan hamaa irraa na eegi» jedhee Rabbii Waaqa Israa'elii kadhate; Rabbillee waan inni kadhate hin kenneef.

Maatii Biraa

11Kiluubi obboleessi Shuha'aa Mihiiriin uumate; Mihiirillee Eshetooniin uumate;

12Eshetoonillee Beetiraafaa, Husa'eenii fi Tahinaa uumate; kunniin namoota Reegiiti.

13Qeneezillee Gotoniyaalii fi Sarayaa uumate; Gotoniyaali ijoollee dhiiraa lamaan ka Hotata'aa fi Ma'oonaa jedhamanii waamaman uumate;

14Ma'oonotaayi Oofraa uumate; Sarayaanillee Iyyoo'aabii abbaa Geesheerii uumate; isaan worra ogummaa harkaa qabu tura.

15Kaaleebi ilmi Yoofoonii ijoollee dhiiraa sadiin Iruu, Eelaa fi Na'aamiin uumate. Eelaanillee Qeeneeziin uumate;

16Yihaaleelillee ijoollee dhiiraa Ziif, Ziifaa, Tiri'aa fi Asaali'eeliin uumate

17-18Eeziraamillee ijoollee dhiiraa ta Yeeteer, Meereed, Eferee fi Yaaloon jedhamanii waamaman uumate; Meereedillee dubartii maqaan Bitiyaa jedhamtu mucattii mootii Misirii fuudhee mucattii durbaa ta Maariyaam jedhamtuu fi ijoollee dhiiraa ta Shamaayii fi Yushibaayi jedhamanii waamaman uumate; Yushaabaayi qachaa Eshitaamo'aa jedhamtee waamamtu ijaare; Meereedillee gosa Yihuuda'aa keessaa intala takka fuudhee Yuureedii qachaa Gaadoorii ijaaree fi Yiqiti'eelii qachaa Yazanuha'aa ijaare uumate;

19Hoodiyaan obboleettii Nahaamii fuudhe; isaan abboota gosa Garmi'ii ta qachaa Qa'ila'aa keessa jiraatanii fi gosa Maa'ika'aa ta qachaa Eshtaamo'aa keessa jiraata'aa turaniif ta'an.

20Shimoon ijoollee dhiiraa ta Aminoon, Riinaa, Beenihaanaanii fi Tiloon jedhamanii waamaman uumate;

Yuushi'iinillee ijoollee dhiiraa ta Zoheetii fi Beenzooheet jedhaman uumate.

Fiixaa Sheela'aa

21Sheelaan ijoollee Yihuuda'aa keessaa tokko. Fiixaan isaa worra qachaa Leeka'aa ijaaran Eer, Laa'idaa qachaa Maareesha'aa ijaare, worra gosa qachaa Ashibe'a'aa keessa jiraatan ka uffata jirbii irraa fooyame hojjatan.

22Iyyoo'aasii fi Saaraaf dubartoota gosa Mo'aabotaa ka qachaa Yooqimii fi Koozeebaa keessaa fuudhan Beeteliheemiin keessa jiraata'aa turan; (galmeen maati'ii kun ka duriiti.)

23Isaan hojjattoota worra mana mootumma'aa ijaaran ta'anii qachaa Naxaamii fi Gadeeraa jedhamanii waamaman keessa jiraata'aa turan.

Fiixaa Simoonii

24Simoon ijoollee dhiiraa ta Naamu'eel, Yaamiin, Yaariib, Zarahinaa fi Shaa'ul jedhamanii waamaman uumate;

25Shaa'ul Shaaluumiin uumate; Shaaluumillee Mibisaamiin uumate;

26Mishaama'illee Hamu'eeliin uumate; Hamu'eelillee Zakkuuriin; Zakkuurillee Shimi'aaniin uumate;

27Shimi'i ijoollee dhiiraa kudha jahaa fi ijoollee intalaa jaha uumate; obboleewwan isaa garuu ijoollee baay'ee hin uumanne; kanaafuu gofti Simoonii haga gosa Yihuuda'aa hin baay'anne.

28Fiixaan Simoonii haga bara mootummaa Daawitii qachoota Beersaabeeh, Molaadaa, Hatsarshu'aat,

29Bilihaatseemii fi Tolaadiin,

30Baatu'eel, Hoormaa, Tiqilaagi,

31Beetimaarkaaboot, Hoxaarsusiim, Beetibriinaa, Shaa'iraayim,

32Akkasuma Eexaam, Ayin, Rimoon, Tookeenii fi Ashoon jedhamanii waamaman qachoota shanan didiqqa'aa fi

33gandoota naannoo isaaniititti argaman keessa jiraata'aa turan; huleen isaan keessa jiraatan kun haga qachaa Baa'ilaatiiti; galmeen barreeffama fiixaa Simoonii ka maatii isaatii fi naannoon isaan keessa jiraatan qabate kana ture.

34Bulchoonni gosa maraatuu worra asii gaditti ibsaman;

Mashoobaab, Yamleek, Yooshaa ilma Ameesiyaasii,

35Yoo'el, Iyyuu ilma Yoshibiya'aa,

Yoshibiyaa ilma Sarayaa, Sarayaa ilma Asi'eelii;

36Eeliyoo'enaayi, Yaaqoobaa, Yashoohayaa, Asaayaa, Adi'eel, Yashimi'eel, Banayaa'a,

37Ziizaa ilma Shifi'aa, Shimiriinii ilma Yadaya'aa fi Shimi'ii ilma Aaloonii fiixaa Shamaa'iya'aa kanniin fa'a.

38Worri maqaan isaanii waamamu kunniin gosa ufii irratti bulchaa turan.

39Hulee horii ufii itti yaafatan barbaadu'uuf karaa seensa Gedooriitiin haga dhooqa baya biiftu'uu deeman.

40Achitti biyya laliftuu marga gayaa qabduu fi ta nagaya qabdu baay'ee argatan; baniin armaan dura achi jiraata'aa turan gosa Kaamiiti.

41Bara Hisqiyaas Yihuudaa bulcha'aa ture namoonni armaan olitti maqaan isaanii tuqame gara biyya Garaarii deemanii goom'e'ee fi daasee namoota achi jiraatanii maraa diigan; isaan gosa Kaamiitii fi worra Maa'unaawotaa sirima balleessan; horii ufiitiif lafa margaa baay'ee waan arganiif banii ari'anii hennaa dheera'aaf achi jiraatan.

42Fiixaa Simoonii keessaa namoonni dhibba shan ta'an gara gaara Eedoomii deeman; isaan namoonni jalatti bula'aa yookaan isaan bulcha'aa turan, ijoollee Yishi'ii Falaaxiyaa, Na'aariyaa, Rafaayii fi Uzaa'eeliin fa'a turan.

43Isaan worra achitti hafanii turan worra Amaaleqii fixan; henna san irraa jalqabee achi jiraachuu jalqaban.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help