1Malkasaadiq mootii Saaleemiitii fi gadicha guddaa Rabbii maraa olii ture; Malkasaadiqiin kun hennaa Abrahaam mootota ajjeesee deebi'u isa argee eebbiseen.
2Isaafillee akkasuma Abrahaam waa maraa keessaa kurneessoo kenneef; hiikkaan maqaa isaa ka duraa, «Mootii qajeellumma'aati», akkasuma ka lammeesso'oo ammo, «Mootii Saaleemiiti» jechuun «Mootii nagayaa» jechu'u.
3Abbaa fi haadha, laakkobsa, hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haa ta'uu ammo akka Ilma Rabbii baraa haga bara baraa gadicha ta'ee jiraata.
4Hangafni abbootaa Abrahaam waan booji'e keessaa mishaa kudhan keessaa tokko yoo kenne, namni kun attam akka guddaa ture mee laalaa'a!
5Ijoollee Lewwi'ii keessaa worri hujii gadicha ta'u'uu argatan, banii keessaa jechuun obboleeyyan ufii keessaa isaan hagamillee yoo gudeeda Abrahaamii keessaa bayan isaan kudhan keessaa tokko seeraan akka baasan ajaja qaban.
6Namichi hiddi dhaloota isaa Leewwii hin taane kun Abrahaamiin harkaa kudhan keessaa tokko fudhateera. Isa dubbii abdi'ii qabu hin eebbise.
7Maandhichi hangaftichaan akka eebbifamu waan mormii hin qabne.
8Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko Leewwota worra du'uu danda'aniin wolitti qabama. Karaa kaaniin ammo Malkasaadiqii jiraataa ragameef saniin wolitti qabama.
9Leewwiin kudhan keessaa tokko fudhatu karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessa tokko baaseera»
10Hennaa Malkasaadiqiin wol gayan, inni hin dhalanne gudeeda Abrahaamii keessa jira.
11Eeganaa bani'ii ka kenname akkaataa gadummaa seera Leewwi'iitiin. Uduu gadummaa Leewwotaatiin guutuu ta'uun ka argamu ta'ee, muudamuu gadummaa Aarooniitiin uduu hin taane, silaa gadichi Malkasaadiqiin biraa maaf barbaachise?
12Gadummaan sun yoo jijjiirame, seerrillee akkasuma hin jijjiirama.
13Inni waan isaatiif dubbatame kun gosa biraatii gosa kana keessaa hulee ciinca'aatitti dhiyaatee ka tajaajile eennullee hin jiru.
14Gooftaan keenna gosa Yihuuda'aa keessaa akka dhalate beekkama'a. Muuseen hennaa waan gadumma'aa dubbatu waan gosa kanaa womaa hin dubbanne.
Kiristoos Gadicha Akka Malkasaadiqiiti15Hunna jireenna dhuma hin qabneetiin malee seera ajaja fooniitiinii miti.
16Gadichi biraa fakkeenna Malkasaadiqiitiin uduu ka'ee kun guddisee waan mudhatu.
17Waan isaatiif barreeffama Woyyuu keessatti,
«Ati akka muudama
Malkasaadiqii,
ati baraa haga bara baraatitti gadicha»
jedhamee ragaa bayameeraaf.
18Seerri womaa guutuu waan hin gooneef, kanaafuu dadhabdu'uu fi ta hin fayyanne waan taateef,
19seerri duraa diiggamteerti; abdiin caalu ka gara Rabbii ittiin dhiyaannu tokko dhufeera.
20Isaanillee waadaa malee gadoota waan ta'aniiraniif,
21inni ammo,
«Goofta'a,
‹Ati akka muudama Malkasaadiqii
baraa haga bara baraatitti gadicha› jedhee kakate,
hin gaabbulle'e» jedhamee hennaa himameef,
waada'aan gadicha waan ta'eeruuf;
22akkuma waadaa malee gadicha hin taane
akkasuma Yesuus waadaa caaluuf wobii ta'eera.
23Gadoonni hujii gadummaa ufii akka lufanii hin hojjanne ka duuti isaan dhooggite laakkobsaan heddu.
24Inni ammo baraa haga bara baraa waan jiraataa ta'eef gadummaan isaa hin jijjiiramu.
25Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a.
26Woyyu'uu fi ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne, ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.
27Inni akka bulchoota gadoota kaawwanii dura waan cubbuu ufiitiif, maayii waan cubbuu bani'iitiif guyya guyya'aan ciincaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu. Hennaa uf kenne waan maraa hennaa tokkoon raawwateera.
28Seerri Muuse'ee namoota dadhabbii qaban, gadicha hayyicha godhee waan muuduuf, dubbiin kaku'uu ka seeraan maayii dhufe ammo Ilma guutuu baraa haga bara baraa ta'e muuda.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.