Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 23 - Kitaaba Woyyuu

1Daawiti hennaa jaare ilma ufii Solomooniin Israa'eliin irratti moosise.Tajaajila Leewwotaa

2Daawiti bulchoota Israa'elii, gadootaa fi worra Leewwotaa maraa wolitti qabe.

3Dhiira worra Leewwotaa ka umuriin isaanii soddomaa fi ka achii olii maraa laakkayee wolumaa galatti laakkobsi isaanii kuma soddomii saddeetii ta'e;

4Kanniin keessaa worri hujii mana woyyu'uu hojjachiisan namoota kuma diddamii afuriiti; namoonni kuma jahaa garuu worra bulchuu fi worra murtii kennu turan;

5namoonni kuma afurii worra balbala mana woyyu'uu eegan turan; namoonni kuma afurii garuu meeshaa faaru'uu ka mootichi isaanii kennuun faaru'uun Rabbiin galatoonfatan.

6Daawiti worra Leewwotaa akkaataa gosa isaaniitiin bakka sadihitti isaan qoode; isaanillee Geedsoon, Qaatii fi Meraariin fa'a.

7Worra gosa Geedsoonii keessaa La'aada'aa fi Saami'iin fa'a.

8La'aadaan ijoollee dhiiraa Yihi'eel, Zeetoomii fi Eyyoo'eeliin uumate.

9Saami'i ijoollee dhiiraa sadihii ta Shaaloomiti, Hazi'eelii fi Haaraan jedhaman qaba; kunniin maruu bulchoota gosa La'aada'aati.

10Saami'i ijoollee afur qaba; isaan I'iiti, Ziizaa, Ye'uusii fi Bari'aa fa'a.

11Bulchaan isaanii ka jalqabaa I'iiti; lammeessoon Ziiza'a; Ye'uusii fi Bari'aan garuu ijoollee baay'ee qaban ture; kanaaf isaan akkuma gosa tokkootitti laakkayaman.

12Qaati ijoollee dhiiraa afur qaba; isaan Yis'aar, Keebroon, Uzaa'elii fi Imbaraamiin fa'a.

13Ijoolleen Imbaraamii Aaroonii fi Muuse'e; Aaroon kaawwan maraa caalaa woyyuu ta'u'uuf fooyame; inninii fi ijoolleen isaa baraa haga bara baraa seera Waaqa waaqeffachu'uu irratti hixaana akka aarsanii fi akka Rabbiin tajaajilan, maqaa isaatiinillee banii eebbisu'uuf fooyaman.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help