1Muuseen banii Israa'elii maraa waamee akkana isaaniin jedhe, «Isin banii Israa'elii seeraa fi murtii ani adha isinitti himu maraa akka barattan akka eeddan na dhagayaa'a.
2Rabbi Waandhi keenna gaara Kooreebiititti waadaa nuu gale;
3Rabbi nu'u worra adha lubbu'uun jirru malee abboota teennaaf waadaa kana hin galle.
4Rabbi gaara irratti ibidda keessa ta'ee addaataa isinitti dubbate;
5ani hennaa san jecha Rabbii isinitti himu'uuf isinii fi Rabbiin jidduu dhaabadhee ture; waan isin ibidda sodaattanii gaara gubbaa hin baaneef innillee akkana jedhe.
6‹Rabbiin biyya Misirii mana garbumma'aa keessaa isin baase ana.
7«Ana malee Rabbii biraa hin waaqeffatinaa'a.
8«Fakkeenna waan fakii gara garaa irraa bocamee, fakkeenna waan Samii gubbaa jiruu, fakkeenna waan lafa irra jiruutii fi fakkeenna waan bisaan keessa jiruu ufiif hin hojjatin;
9Worra na jibban dhaloota sadihii haga dhaloota afurii cubbuu abboota isaanii ijoollee isaanii irratti ka fidu;
11«Maqaa Rabbii Waaqa keetii duwwa'atti hin waamin; Rabbi nama maqaa isaa duwwa'atti waamu yakka isaa waan isa irraa hin qulqulleessineef.
12«‹Akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje guyyaa Sambataa eegi; woyyoomsi;
17«‹Hin ajjeesin;
18«‹Hin seebarin;
19«‹Hin hatin;
20«‹Nama kamiin irratti sobaan hin rageessin.
21«‹Haadha manaa ta nama biraa hin laalin; mana nama kamiituu, lafa isaa, hojjata'aa fi hojjattuu isaa, sangaa isaa, harree isaa, qabeenna isaa maraa woma kamuu hin kajeelin.
22«Rabbi gaara irratti ibidda, duumessaa fi dukkana keessa ta'ee laagaa gudda'aan cimsee jechoota kanniin banii keessan marattuu hime womaa itti hin edaane; dhagaa baxxee lamaan irrattuu barreessee naa kenne.
Sodaa Bani'ii(Ser. Ba'u. 20:18-21)23«Hennaa gaarri ibiddaan bobawu hennaa dukkana keessatti laagaa isaa dhageettan isin bulchoonni gosaa,
24jaarsonni biyya keessaniillee gara kiyya dhuftanii akkana naan jettan, ‹Rabbi Waandhi keenna kabajja'aa fi guddinna ufii nutti mudhiseera; ibidda keessaanillee laagaa isaa dhageenneerra; yoo Rabbi Waandhi nama woliin dubbatu namni inni woliin dubbatu sunillee yoo lubbu'uun jiraatu adha argineerra.
25Eeganaa amma ibidda guddaa kanaan gubannee maaf duuna? nu amma deebinee laagaa Rabbii Waaqa keennaa yoo dhageenne hin duuna.
26Nama foon uffate maraa keessaa akka keenna laagaa Rabbii Waaqa jiraataa keennaa ka ibidda keessaan dubbatu dhagayee ka lubbu'uun jiraate eennu?
27Kanaafuu ati gara isaa dhiyaadhuu waan Rabbi Waandhi siin jedhu dhagayi; waan inni siin jedhe maraa koottuu nutti himi nullee dhageennee raawwannaa.
28«Hennaa isin waan kana natti himtan Rabbi waan isin naan jettan dhagayee akkana naan jedhe ‹Jecha baniin kun laagaa gudda'aan sitti hime dhagayeera; wonti isaan siin jedhan maruu waan misha'a;
29isaanii fi ijoollee isaaniitii fi wonti mishaan baraa haga bara baraa akka isaanii qajeelu, akka na sodaatan hennaa maraa ajaja kiyya akka eegan qalbii akkanaa kana uduu qabaatanii maal ta'a?
30Ati amma dhaqiitii isaaniin, ‹Gara daasee keessanii deebi'aa'a› jedhiin.
31Ati garuu asuma na bira dhaabadhu; ajajaa fi murtii isaan barsiiftee lafa ani isaanii kenne irratti eegan maraa sitti himaa›
32«Kanaafuu waan Rabbi Waandhi keessan isin ajaje raawwadhaa'a; isa irraa bita'aa fi mirga hin gorinaa'a;
33akka lubbu'uun jiraattan, akka wonti mishaan isinii ta'u lafa dhaaltan irratti umuriin keessan akka dheeratu karama Rabbi Waandhi keessan isin ajajeen deemaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.