Gara Worra Qolaasiyaasii 3 - Kitaaba Woyyuu

Jireenna Haarawa Kiristoosiin Argame

1Eeganaa eega Kiristoosiin woliin kaatan, Kiristoosii mirga Rabbii taa'eeru isa ol jiru barbaadaa'a!

2Waan lafa irra jiran hin yaadinaa'a.

3Isin duutaniirtan, jireenni keessanillee Rabbiin Kiristoosiin keessatti dhokateera.

4Kiristoosiin jireenna keessan keessa jiru hennaa mudhatu, isinillee akkasuma isa woliin ulfinnaan mudhattan.

5 Rom. 6:6; 7:23; Efe. 4:19; 5:3,5 Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a; isaanillee seebaruu, battummaa, wol hoossuu'u, waaqa tolfamaa waaqeffatu'uu fi hawwii hamaa fa'a.

6Efe. 5:6 Miidhaa kunniin fiduun dheekkamsii Rabbii ijoollee hin ajajamne irratti hin dhufa.

7Efe. 2:1-3; Tit. 3:3 Isinillee akkasuma hennaa armaan duraa isa keessa jiraata'aa turtan, dur akka kanatti jiraattan.

8 Efe. 4:29-31; 5:4; Yaq. 1:21 Amma ammo isin lola, aaruu, dhara, nama arrabsu'uu fi dubbii nama saalfachiisu kanniin maraa uf keessaa balleessaa'a.

9Efe. 4:22 Soba hin dubbatinaa'a; namummaa moofaa keessan hujii isaa woliin waan mulqattaniirtaniif.

10Efe. 4:24 Fakkeenna ka isa uumee akka fakkaatu, beekkumsa argachu'uun ka haarawoomfame, namummaa haarawaa uffattaniirtan.

11Gal. 3:28 Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomee fi ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haa ta'uu ammo Kiristoos maraa fi maraa keessa jira.

12 Efe. 4:2 Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalataman taatanii araara, gara laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.

13Efe. 4:32 Obsa woliif qabaadhaa'a. Eennullee hiriyyaa ufii irratti komii yoo qabaate dhiifamsa wolii godhaa'a. Akkuma Kiristoos isinii dhiise, isinillee akkasuma wolii dhiisaa'a.

14Rom. 13:8,10; Phex. 1ffaa 4:8 Kanniin maraa irratti jaalala waa maraa wolitti qabu uffadhaa'a.

15Qor. 1ffaa 12:13,27; Efe. 4:3-4; Filph. 4:7 Kutaa qaama tokkoo taatanii wonti waamamtaniif nagaya kanaaf waan ta'eef nageenni Kiristoosii onnee keessan keessatti haa mooyu; worra galatoonfattan ta'aa'a.

16Dubbiin Rabbii guutumatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa maraan wol barsiisaa'a, wol gorsaa'a, Ayyaanaan faaruu faarfachu'uun badhaadhummaa isaatiin onnee keessan keessatti Rabbiin faarfadhaa'a.

17Efe. 5:19-20 Rabbii Aabbaa karaa Yesuus Kiristoosiitiin galatoonfata'aa dubbi'iin, yookaan huji'iin waan gootan maraa maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin godhaa'a.

Haala Jireenna maatii Kiristaanaa

18 Efe. 5:22; Phex. 1ffaa 3:1 Haawwota manaa! akka Goofta'aaf ta'utti abbaa manaa keessanii ajajamaa'a.

19 Efe. 5:25; Phex. 1ffaa 3:7 Abboota manaa! haadha manaa teessan jaaladhaa'a; garaa isaanitti hin jabaatinaa'a.

20 Efe. 6:1 Ijoolle! Kun waan Gooftaa gammachiisu waan ta'eef, waa maraanuu worra keessanii ajajamaa'a.

21 Efe. 6:4 Abboota! Isinillee akka onneen isaanii abdii hin kutanne ijoollee teessan hin rifachiisinaa'a.

22Efe. 6:5-6 Garboota! Onnee qajeeltu'uun Gooftaa sodaata'aati malee nama gammachiiftanii mudhatu'uuf worra ajajamtan uduu hin ta'in, fooniin worra gooftota keessan ta'anii waa maraanuu ajajama'aafii.

23Namaaf uduu hin taane, akkuma Goofta'aa gootanitti, waan gootan maraa jabaadha'aa godhaa'a.

24Efe. 6:5-8 Gooftaa biraa gatii risti'ii akka argattan waan beettaniif, Gooftaan isin tajaajiltan Kiristoosiin waan ta'eef.

25Efe. 6:21-22 Ka yakke waan yakka ufiitiif adabbii argata; nama wol caalchisuun Rabbiin bira waan hin jirreef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help