Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 18 - Kitaaba Woyyuu

1Daawiti hennaa Saa'olitti dubbatee raawwate Yoonaataan ilmi Saa'olii Daawitiin goshoo ta'ee akka lubbuu ufiititti isa jaalate.

2Guyyaa san irraa jalqabee Saa'ol Daawitiin gara mana abbaa isaa akka hin galle dhooggee gara mana ufii galateen.

3Yoonaataan waan Daawitiin akka lubbuu ufiititti jaalateef isa woliin waadaa gale.

4Uffata ufii ka ulfinnaa mulqatee, guraadee ufii, buundhe'ee fi sabbata ufii Daawitiin badhaase.

5Daawiti garuma Saa'ol isa erge maraa dhaqa; waan godhu maraa waan qalbi'iin godhuuf Saa'ol loltoota maraa irratti isa muude; wonti kun maruu banii, loltootaa fi ajajoota loltootaa maraa hin gammachiise.

Saa'ol Daawititti Hinaafee Gumbise

6Hennaa Daawiti namicha Filisxeemii ajjeesee galu dubartoonni faarfata'aa sirba'aa, ililfata'aa, dibbee qabatanii mootii Israa'elii Saa'oliin simachu'uuf qachoota Israa'elii maraa keessaa bayan.

7Dubartoonnillee, «Saa'ol kuma ajjeese! Daawiti garuu kumaatama ajjeese!» jedha'aa wol jalaa qaba'aa sirba'aa turan.Sam. 1ffaa 21:11; 29:5

8Saa'oliin garuu wonti kun waan guddisee isa aarseef, «Daawitii kumaatama, anaa garuu kuma kennan mootummaa kiyya malee maaltu isa hafe!» jedhe.

9Guyyaa san irraa jalqabee Saa'ol Daawitiin ija hinaaffa'aatiin laale.

10Bariisaa san Saa'oliin hafuurri hamaan Rabbiin biraa ergame dhufee isa qabe; achiin maayessa inni mana ufii keessatti akka maraattu'uutitti qaaqa'aa ture; Daawiti akkuma duraanii meeshaa faaru'uutiin taphata'aa ture; Saa'ol ammo sibiila ufii harkatti qabateera.

11Saa'ol, «Daawitiin woraanee dhaaba manaatiin wolitti isa maxxansa!» jedhee sibiilaan darbate; inni garuu harka lama jalaa miliqe.

12Rabbi waan Saa'oliin irraa fooyamee Daawitiin woliin jiruuf Saa'ol Daawitiin sodaate.

13Kanaafuu Saa'ol uf biraa isa fageessee ajajaa loltuu kumaa taasisee isa erge.

14Daawiti waan godhu maraa qalbi'iin godha; Rabbi waan isa woliin ta'eef wonti maruu hin qajeelaaf.

15Saa'ol akka inni guddisee qaroo ta'e argee guddisee isa sodaate.

16Garuu waan inni isaan afo'otti baya'aa galuuf baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa maruu Daawitiin jaalatan.

Daawiti Mucattii Saa'olii Fuudhe

17Achiin maayessa Saa'ol Daawitiin «Mucattiin tiyya ta hangafaa Meeroob kunooti; ani isii sitti heerumsiisa; atummaan naa qaroomi; waan lola Rabbiitiifillee janna ta'i» jedheen; Saa'ol wonti waan kana jedheef ufii isa ajjeesuu hin barbaadu akka inni harka Filisxeemotaatitti du'uuf.

18Daawiti «Ani eennu ka mooti'iin soddaa ta'u? gofti abbaa kiyyaatii fi maatiin kiyya banii Israa'elii keessatti maali'itti laakkayama?» jedheen.

19Garuu hennaan Meeroob Daawititti heerumtu gaye nama biraa ka biyya Mahaalaataawiitii dhufe ka Eesidiri'eel jedhamutti heerumsiise.

20Haa ta'uu malee mucattiin Saa'olii ta Milkool jedhamtu Daawitiin jaalatte; Saa'ol haga waan kana dhagaye hin gammade.

21Inni onnee ufii keessatti «Milkooliin Daawitii kenna isii akka Daawitiin naa qabsiiftu godha; achiin maayessa inni harka worra Filisxeemiititti du'a» jedhee yaade; kanaafuu Saa'ol Daawitiin hennaa lammeesso'oo waamee, «Soddaa naa taata» jedheen.

22Saa'ol hojjattoota ufiitiin «Waan mootichinii fi hojjattoonni isaa maruu guddisanii si jaalataniiraniif soddaa mootichaa ta'i jedha'aatii dhossa'atti Daawititti himaa'a» jedhee isaan ajaje.

23Hojjattoonni Saa'olii dubbii kana dhaqanii Daawititti dhossa'aan itti himan; Daawiti hojjattoota Saa'oliitiin «Namni akka kiyyaa hiyyeessi kun soddaa mooti'ii ta'uun waan salphaa isinitti fakkaataa?» isaaniin jedhe.

24Hojjattoonni Saa'olii Daawiti akkana jedhe jedhanii isatti himan.

25Saa'ol Daawiti akka harka worra Filisxeemotaatitti du'u yaadee mootichi, «Diintota mootichaa keessaa misa nama dhibbaa malee gabbara biraa si irraa hin barbaadu» jedha'aa Daawititti himaa'a isaaniin jedhe.

26Hojjattoonni Saa'olii dhaqanii Daawititti himan; Daawitillee soddaa mootichaa ta'u'utti hin gammade.

27Daawitii fi loltoonni isaa ka'anii lolaaf deemanii worra Filisxeemii keessaa nama dhibbaa ajjeesanii misa nama dhibbaa laakkayee itti kenne; kanaafuu Saa'ol mucattii ufii Milkooliin Daawititti heerumsiise.

28Saa'ol akka Rabbi Daawitiin woliin jiru arge; worri Israa'elii maruu hin jaalataniin.

29Saa'ol Daawitiin guddisee sodaatee bara jireenna ufii maraa diina Daawitii ta'e.

30Loltoonni Filisxeemii hennaa maraa dhufa'aa lola'aa turan; garuu hennaa lolaa maraa ajajoota loltootaa ka Saa'olii caalaa Daawititu irra mooyata ture; sababaa kanaaf Daawiti guddisee nama gurra dhagayate ta'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help