1«Baniin Israa'elii akka waan qilleensa cum'uu ta'a'aa guyyaa guutuu qilleensa baya biiftu'uu ari'a'aa oolee duwwaa ta'eera; sobaa fi dhibuu baay'isan; biyya Asoorii woliin wolii galtee godhatan; karaa biraatiin ammo sayitii ejersaa gara biyya Misirii ergan.»
2Rabbi banii Yihuuda'aa waan ajiifatuuf qaba; ijoollee Yaaqoobii akkuma jireenna isaaniitiin isaan adaba; haguma hujii hamaa hojjataniitiin gatii isaanii isaanii kaffala.
3Yaaqoob uduu gadaamessa haadha ufii keessa jiru obboleessa ufii ka lakku'uu firrisu'uuf koomee isaa qabe; haga guddateen maayessallee Waaqa ufii qabee, «Gad si hin dhiisu» jedhe.Ser. Uma. 25:26
4Maleekkaa woliinillee wondhaansa bayee jabaatee booyee araara kadhate; hennaa biraallee Rabbiin Beeteelitti argame nu dubbise.Ser. Uma. 32:24-26
Ser. Uma. 28:10-225Rabbi Waandhi banii maraa maqaan inni ittiin beekkamu Rabbi.
6Kanaafuu isin gara Waaqa keessanii deebi'aa'a; jaalalaa fi haqa dhuga'aa jabeessa'aa qabadha'aa haga Waandhi keessan isin gargaaruuf obsaan eegaa'a.
Murtii Rabbi Eda'ee Isaanitti Murteesse7Rabbi akkana jedha, «Worri Israa'elii akka daldaltoota worra Kana'aanii ka madaala sobaa harkaa qabanii ta'aniiran; isaan madaala saniin soban.
8Israa'el ‹ani duroomeera; durummaa kiyyatti namni yakka yookaan cubbuu hin argu› jedhee dhaadata.
9Ka biyya Misiriitii masakkee isin baase ammo ana Rabbi Waaqa keessan; akkuma hennaa ayyaana daase'ee daasee keessa jiraattan akkasuma deebitanii akka daasee keessa jiraattan isin taasisa.Ser. Lew. 23:42-43
10Ani dursee afaan raattotaatiin dubbadheera; mudhata hedduu mudhiseera; karaa raattotaatiin mammaakaan dubbadheera.
11Kun maruu ta'ee Gala'aaditti waaqa tolfama'aa sagadan; worri waaqa tolfama'aa sagadan duwwaa ta'an; Gelgela'atti mirgoolee ciinca'aaf dhiyeessan; meeshaawwan isaanii ammo ka ciinca'aa caccabanii qonna keessatti tuulaa dhaga'aa ta'anii hafan.»
12Yaaqoob abbaan keenna ka durii dheessee gara Masephexoomiya'aa dhaqe; achitti intala fuudhu'uuf jedhee tissee hoolotaa ta'ee tajaajile.Ser. Uma. 29:1-20
13Rabbi karaa raatticha ergeetiin banii Israa'elii biyya Misiriitii masakkee baase; karaa raatticha saniitiin isaan kunuunse.Ser. Ba'u. 12:50-51
14Baniin Israa'elii ammo guddisee Rabbiin aarse; yakka hojjatanitti hin gaafataman; maqaa isaa waan arrabsaniif isaanitti murtaaya.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.