Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 10 - Kitaaba Woyyuu

Daawiti Worra Amoonotaa Fi Sooriya'aa Injifate(Sen. 1ffaa 19:1-19)

1Kanaan maayessa mootiin Amoonotaa duunaan ilmi isaa Haanoon bakka isaa mooye;

2Mootichi Daawiti, «Akkuma abbaan isaa Naa'oos jasaa naa oole anillee ilma isaa Haanoonii goshoo amanamaa ta'u'uuf jasaa isaa hin deebisa» jedhe; kanaafuu Daawiti gadda isaa qoodamu'uuf ergamtoota erge; isaan akkuma Amooniin gayaniin,

3«Bulchoonni Amoonotaa mootii Haanooniin wonti Daawiti namoota kanniin ergeef abbaa kee kabajju'uuf si woliin waan gaddu sitti fakkaataa? sirimaa akkas sitti hin fakkaatin; inni namoota kanniin wonti ergeef qachattii irratti balaa buusu'uuf akka isaa tolu gaadu'uufii mii?» Jedhaniin.

4Haanoon garboota Daawiti erge qabee areeda cinaa tokkoo haadee uffata isaan uffataniiran haga mudhi'ii hulee lamatti biinxee isaan ari'e;

5isaan gara manaa galuu waan saalfataniif garboota isaanitti ergee haga areenni isaanii bawuuf akka hin gallee Iyyaarikoo keessa akka turan isaanitti hime.

6Worri Amoonotaa ufumaan Daawitiin akka diina ufii godhan haga hubatan Amoonota keessaa nama erganii worra Sooriya'aa ka Beeta Ro'aabii Suubaa keessaa namoota lukaan deeman kuma diddama; mootummaa Maa'ikaa keessaa namoota kuma kudhanii fi Xuubiin keessaallee namoota kuma kudha lamaa qaxaran.

7Daawiti haga waan kana dhagaye Iyyoo'aabiin loltoota maraa woliin duulchise.

8Worri Amoonotaallee bayanii karra seensaa afo'otti quphatan; namoonni Suuba'aa Ra'aabii, Sooriya'aa Xuubiitii fi Maa'ika'aallee hojjuma ufii araddaa badhaa keessa turan.

9Iyyoo'aab akka diintonni isaa afo'oo fi duubaan isa marsan haga arge, loltoota janna ta'an Israa'eliin keessaa filee worra Sooriya'aa afoo hulee isaanii ta'uun isaan ramade.

10Banii hafe obboleessi isaa Abisaan akka masakku godhee namoota Amoonii afo'otti lolaaf yaase;

11Iyyoo'aab Abisa'aan, «Worri Sooriya'aa hennaa na injifachu'uuf dhufan yoo argite koottuu na gargaari; anillee hennaa worri Amoonii si injifachuu gayan dhufee si gargaaraa.

12Kanaafuu jabaadhu banii keennaa fi qachaa Rabbii keennaatiif haa jabaannuu; eeganaa wonti maruu akka fedha Rabbii haa ta'u!» jedheen.

13Iyyoo'aabii fi loltoonni isa woliin turan worra Sooriya'aatiin lolu'uuf hennaa gara afo'oo deeman worri Sooriya'aa isaan afo'oo dheessan;

14worri Amooniillee worri Sooriya'aa akka dheessan haga argan isaanillee afoo Abisa'aatii dheessanii gara qachatti'ii galan. Iyyoo'aabillee worra Amoonii biraa deebi'ee gara Yerusaalemii gale.

15Worri Sooriya'aa akka worri Israa'elii isaan injifatan haga argan loltoota ufii maraa hulee tokkotti wolitti qaban.

16Mootiin Suuba'aa Adir'aazar worra Sooriya'aa ka gara baya biiftu'uutiin jiraniititti ergee; isaanillee Soobaaki ajajaan loltoota Adir'aazarii gara Eelaamii dhufan.

17Daawiti haga waan kana dhagaye loltoota Israa'elii maraa wolitti qabee laga Yoordaanosii ceeyee gara hulee worri Sooriya'aa itti quphateeru Eelaamiin dhaqe; worri Sooriya'aa ka'anii Daawitiin lolan.

18Garuu worri Sooriya'aa isaan jalaa dheessan; Daawiti worra Sooriya'aa harkaa konkolaataa fardaa dhibba torbaa fi worra farda yaabbatan kuma afurtama ajjeesee; ajajaa loltootaa Soobaakiinillee dhayee achumatti ajjeese.

19Mootota bulchiinsa Adir'aazarii jala jiran akka worri Israa'elii isaan mooyatan haga beekan isaan woliin wolii galtee nagayaa godhanii Israa'eliin jalatti bulan; achiin maayessa worri Sooriya'aa deebi'anii lammeessoo worra Amoonii gargaaruu sodaatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help