1Guyyaan murtii Rabbii gayeera; hennaa san uduu ijji teessan argitu saamtonni waan isin irraa fudhatan qoodaman.
2Yerusaalemiin akka woraanan Rabbi banii wolitti qabee fida; qachattiin hin qabamti; manniin hin saamaman; dubartoota hunnaan qabanii gudeedan; banii keessaa wodhakkaa booji'anii fudhatan; worri hafan ammo qachattii keessaa hin bayan.
3Achiin maayessa Rabbi akkuma hennaa lolaa lolu bani'iin lolu'uuf ka'a.
4Guyyaa san Rabbi gaara Ejersaa ka Yerusaalemiin gara baya biiftu'uutiin jiru irra dhaabata; gaarri Ejersaa baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu hulee lamatti qoodamee dhooqa badhaa ta'a; kanaafuu wodhakkaan gaaraa gara kaabaa, wodhakkaan hafe ammo gara kibbaatiin achi fagaata.
5Isin gaara hulee lamatti qoodamee haga Atsaalii gaye dhooqa kana keessa dheessitanii baatan; bara Ooziyaan Yihuudaa irratti mooyee lafti sochoote akkuma abboonni teessan ta durii itti dheessanitti dheessitan; Rabbi Waandhi kiyya woyyoota hiriirsee dhufa.
6Bara san qorrinii fi hurriin dukkanaa sirima hin jiraatu.
7Guyyaan Rabbiin biratti beekkame tokko wol faana dhufa; halkan waan ifti ifuuf halkanii fi guyyaan hin jiru.
8Guyyaa san Yerusaalemiin keessaa bisaan jireennaatitu burqa; wodhakkaan bisaan sanii gara baya biiftu'uutiin gara galaana du'aa; wodhakkaan isaa ammo gara dhiya adu'uutiin gara galaana Meditiraaniyaanii yaa'a; bonaa fi ganna woggaa guutuu yaa'a'aa jiraata.
12Banii Yerusaalemiin woraanu'uuf ka'an irratti Rabbi dhukkuba nama fixu isaanitti fida; isaan uduu lubbu'uun jiran foon isaanii shama; ijji isaanii moora isaanii keessatti, arrabni isaanii afaan isaanii keessatti shama.
13Hennaa san Rabbi raafamaa fi sodaa waan isaanitti gad dhiisuuf namni maruu nama isa bira jiru qabee balaa itti buusa.
14Namoonni Yihuuda'aa Yerusaalemiin uf irraa dhooggu'uuf lolan; qabeenna mootota naannaya isaanii jiran maraa booji'anii fudhatan; worqii'i, birri'ii fi uffata hedduu booji'anii fudhatan.
15Dhukkubni hamaan akkasii busaawaa, faradoo, gaangiiwwan, gaallanii fi harriin diintota naannoo isaanii jiran maraa irratti dhufa.
16Achiin maayessa mootota Yerusaalemiin woraanan keessaa worri badii irraa hafan Waaqa mootii banii maraatii sagadu'uu fi ayyaana daase'ee kabajju'uuf wogga wogga'aan gara Yerusaalemii bayan.Ser. Lew. 23:39-43
17Baniin Waaqa mootii banii maraatii hin saganne yoo jiraatan lafa isaaniititti roobni hin roobu.
18Worri Misiriillee ayyaana kabajju'uuf gara Yerusaalemii dhaqanii yoo Rabbiin afoo dhiyaachuu didan mootota nu'u gara Yerusaalemii ol baanee ayyaana daase'ee hin kabajjinu jedhan irratti dhukkubni nama fixu hin dhufa.
19Worri biyya Misiriitii fi mootonni biraa yoo ayyaana daase'ee hin kabajjinu jedhan adabbiin isaan irra gawu kana.
20Hennaa san malkata barreeffamaa bilbila qillisu ka morma faradoo maraa irra jiru irratti «ka Rabbiif fooyame» jedhutu barreeffama; otteen waa itti affeelan ka mana woyyumma'aa keessa jiru akka gabatee hulee ciinca'aa jiruutitti woyyooma.
21Otteen biyya Yerusaalemiitii fi biyya Yihuuda'aa keessatti argaman maruu ka Waaqa banii maraatii fooyame ta'a; namoonni ciincaa dhiyeessan maruu ottiin sanniinitti foon ciinca'aa diqqoo affeelan; hennaa san namni mana woyyuu Rabbii Gooftaa banii maraa keessatti daldalu hin argamu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.