1
33Isaan hulee golgootaa jedhamtu dhufan; «Golgootaa» jechuun «Hulee buqqee mata'aa» jechu'u.
34 Lafti hin sochoote; dhagaan hin babbaqaqe;
52Awwaallan hin banaman; worra amanti'iin woyyoomanii du'anii turan keessaa hedduun isaanii fooniin ka'an.
53Du'aa ka'insaan maayessa awwaallan keessaa bayanii heddu isaanii gara qachaa woyyitti'ii galanii namoota heddutti mudhatan.
54Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan raafamaa fi sochii ta'e arganii, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.
55 Luq. 8:2-3 Worri Yesuusiin tajaajila'aa Galiilaa irraa isa faana deeman dubartoonni heddu fago'oo hennaa laalan isaan achuma jiran.
56Isaan keessaa Maariyaam ta biyya Magidala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi haadha Yoosa'aa, Maariyaamii haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atu ture.
Yesuus Awwaalame(Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42)57Hennaa galgalaaye namichi dureessi Yooseef jedhamu tokko qachaa Armaatiya'aatii achi dhufe; innillee akkasuma darasaa Yesuusii ture.
58Kes. Deb. 21:23 Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. Philaaxoos akka kennaniif ajaje.
59Yooseef reeffa isaa fuudhee woccuu qulqullu'uun sattare.
60Isa. 53:9 Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme.
61Maariyaamiin biyya Magidala'aatii fi Maariyaamiin lammeessoon achi kolba awwaalaa afoo taa'anii turan.
Worra Goda Awwaalaa Eegu62Ganama guyyaa qophi'iitiin maayessa bulchoonni gadootaatii fi Fariisonni Philaaxoosiin biratti wol gayanii,
6316:21; 17:23; 20:19; Mar. 8:31; 9:31; 10:33-34; Luq. 9:22; 18:31-33; Yoh. 7:12; Qor. 2ffaa 6:8 «Gooftaa'a! dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.
64Eegasuu darasoonni dhufanii halkan hatanii gumi'iin, ‹Inni du'aa ka'e› akka hin jenne; dogoggorri maayessaa ka duraa caalaa hamaa waan ta'uuf awwaala haga guyyaa sadihii jabaatanii akka eegan ajaji» jedhaniin.
65Philaaxoosillee, «Worra eegu hin qabdanii dhaqa'aatii akka beettanitti eessisaa'a!» isaaniin jedhe.
66Isaan deemanii worra eegan woliin dhaqanii dhagaa awwaalaa irratti chaappeessanii eessisan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.