Kitaaba Faaru'uu 38 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Hennaa Rakko'oo FaateffatanFaaruu Daawitii ka yaadanno'oof faarfatame

1Yaa Rabbi! lola keetiin na hin xixin;

lola kee gudda'aanillee na hin adabin.

2Eboo keetiin na woraanteerta;

harka kee jaba'aan na dhoofteerta.

3Sababaa lola keetiitiif nafti kiyya fayyaa hin qabu;

sababaa cubbuu tiyyaatiif lafeewwan kiyya nagaya hin qaban.

4Cubbuun kiyya waan natti guddateef,

akka ba'aa gudda'aa natti ulfaateera.

5Sababaa ceem'aa kiyyaatiif

madaan kiyya shamee ajaaye.

6Guddisee miidhamee salphadhe;

ani hennaa maraa gadda'aa jiraadha.

7Mudhii kiyya akka ibiddaa na guba;

nafni kiyya maruu fayyaa dhabe.

8Dhibamee guddisee rakkadhe;

sababaa rakkoo kiyyaatiif hin worwaadha.

9Gooftaa! hawwii kiyya maraa hin beetta;

worwaanni kiyya si jalaa hin dhokanne.

10Onneen tiyya akka malee dhayatti;

hunni kiyya dadhabeera;

ijji tiyyallee arguu dadhabde.

11Worri na jaalatanii fi goshoonni tiyyallee

madaa kiyyaaf na dheessan;

firtoonni kiyyallee na irraa siiqanii dhaabatan.

12Worri na ajjeesuu barbaadan siiboo na jala diriirsan;

worri na miidhu'uuf karoorfatan dhaadatanii

guyyaa guutuu na irratti mari'atan.

13Ani garuu akka nama gurri duudee hin dhageenneetii fi

akka nama afaan duuda'aa ka dubbatuu hin dandeennee ta'e.

14Ani dhugamaan akka nama hin dhageenneetii fi

akka nama deebii kennuu hin dandeennee ta'e.

15Yaa Rabbi! ani waan si hedadheef,

Rabbi Waaqa kiyya! ati naa dhageetta.

16«Diintonni ija tuffi'iitiin akka na laalan

hennaa lutti tiyya mucucaattu

akka na irratti uf jajan hin godhin!» jedhee si kadhadha.

17Sababaa dhibeen natti guddateef

gatantaree kufuu gayeera.

18Yakka kiyya hin himadha;

cubbuun kiyya na jeeqa;

19Worri sababaa tokko malee diina kiyya ta'an worra jajjaba'a;

worri uduu womaa hin beenne na jibbanillee heddu.

20Ani hujii mishaa waan hojjadheef

bikka san waan mishaa naa deebisuu irra

waan badaa naa deebisan,

diina ta'anii natti ka'aniiran.

21Yaa Rabbi! na hin gatin;

Waaqa kiyya! na irraa hin fagaatin.

22Waaqa fayyisaa kiyya!

dafii na gargaari.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help