Kitaaba Faaru'uu 59 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Akka Rabbi Tissee Ta'e MudhisuWeedduu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate ka sagalee «Hin balleessin» jedhuun weeddifamu ka hennaa Daawitiin haa ajjeesani'iif Saa'ol ergee mana isaa akka eeganiif marsisiisee.

1Waandhana; diintota tiyya harkaa na oolchi;

worra na miidhu'uuf natti ka'an irraa na eegi.

2Worra waan hamaa hojjatan jalaa na baasi;

namoota dhiiga dheebotan jalaa na oolchi.

3Kunoo isaan worra lubbuu tiyya gaadu waan ta'aniif;

Yaa Rabbi! garjabeeyyiin yakka kiyya malee;

cubbuu kiyya malee,

wol gayanii natti mari'atan.

4Isaan yakka kiyya malee na miidhu'uuf;

qophaayanii dhufan;

Ati garuu na gargaaru'uuf ka'i

haala kiyyallee laali.

5Ati Waaqa duula maraa;

Ati Rabbi Waandhi Israa'elii;

banii maraa adabu'uuf ka'i.

dhara yakka isaan raawwatanii maraaf

isaanii hin araaramin.

6Akka sare'eetitti gururi'a'aa

galgala deebi'anii dhufan;

naannaya qachatti'iititti lafa maran.

7Waan afaan isaaniitii bayu laali;

arraba isaanii irra guraade'etu jira;

«eentu nu dhagayuu danda'a?» waan jedhaniif.

8Yaa Rabbi!

Ati ammo isaanitti kolfita;

banii maraa ija tuffi'iitiin laalta.

9Jabeenna kiyya! si eeggadha;

Waandhana! ati irkoo kiyya waan taateef.

10Rabbi jaalala ufii ka bara baraatiin na afoo deema;

Waandhi kiyya kufaatii diintota tiyyaa natti mudhisa.

11Gooftaa'a; wontee keenna! isaan hin ajjeesin;

yoo ta'uu baate baniin kiyya hin irraanfatama.

hunna keetiin isaan yaantarsi;

gad isaan qabi.

12Cubbuu afaan isaaniitii bayuun;

jecha afaan ufiitiin darbataniin;

uf jajuu ufiitiin haa qabaman!

abaarsaa fi soba dubbataniif;

13Dheekkamsa keetiin isaan balleessi;

sirima isaan diigi;

kanaan Rabbi bulchaa Yaaqoobii ta'uu

haga daangaa lafaatitti beekkama.

14Akka sare'eetitti gururi'a'aa;

galgala deebi'anii dhufan;

naannaya qachatti'iititti lafa maran.

15Dhiyana soqaa lafa maran;

yoo hin quufnee hin amuummatan.

16Ani garuu waan hunna keetiitiif faarfadha;

ganamaan waan ulfinna keetii faarfadha;

ati irkoo kiyya;

gaafa rakkinnaa dawoo kiyya waan taateef.

17Jabeenna kiyya! weedduu sii dhiyeessa;

yaa Rabbi! ati irkoo kiyya;

Waaqa kiyya ka na jaalattulle'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help