Gara Worra Qorontoosii 2ffaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Hojjataa Dhuga'aa

1 3:6; Qor. 1ffaa 7:25; Xim. 1ffaa 1:13,16 Sababaa kanaaf haga araara nuu kennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu.

22:17; 5:11; Tas. 1ffaa 2:5 Haa ta'uu ammo nu waan dhossa'aatii fi waan nama saalfachiisu ganneerra; dharaan hin deddeebinu. Dubbii Rabbii sobaan wolitti hin mannu. Dhugaa ibsu'uun waan sammuu nama maraatiif tolu Rabbiin afo'otti goona.

32:15-16; Qor. 1ffaa 1:18 Dubbiin Nagayaa ka nu lallabne kun maal laataa yoo dhokate, worra badan jalaa dhokate.

4Yoh. 12:31; Efe. 2:2; Qol. 1:15; Ibr. 1:3; Yoh. 10:30 Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, seexanni waaqa adunyaa tanaa ta'e qalbii worra hin amannee jaamse.

5Kiristoos Yesuusiin Gooftaa akka ta'e malee waan ufii waan hin himneef. Waan Yesuusiitiif jennee tajaajilaa keessan taaneerra.

6Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkumsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.

7Haa ta'uu ammo guddinna hunna Rabbii irraa malee nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.

8Karaa maraanuu hin dhiibamna malee hin dhiphannu; hin mamna malee abdii hin kutannu.

9Hin ari'atamna malee hin gatamnu, hin kufna malee hin bannu.

10Jireenni Yesuusii akkasuma foon keenna irratti akka mudhatuuf hennaa maraa du'uu Yesuusii nafa keenna irratti baadhannee deddeemna.

11Jireenni Yesuusii ammo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf nu worri jiraattota taane sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.

12Kanaafuu duuti isaa nu irratti; jireenni isaa ammo isin keessatti hojjata.

13Haa ta'uu ammo «ani amanee dubbadhe» jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanti'ii sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna; kanaaf dubbanna.

14Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna.

15Karaa namoota hedduutiin badhaadha irraa hafaa; ulfinna Rabbiitiif galata akka guddisu maruu waan keessaniif.

Amanti'iin Jiraachuu'u

16Kanaafuu hin dadhabnu; haa ta'uu ammo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma.

17Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a;

18hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammo ka bara baraati.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help