Kitaaba Faaru'uu 129 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Worri Israa'elii Diintota Ufii Jalaa Bayu'uuf FaarfatanFaaruu moote'ee;

1Worri Israa'elii akkana haa jedhuu,

«Ijoollummaa kiyya irraa jalqabee

hennaa baay'ee na dhiphisan;

2«Dhugamaan daa'imummaa kiyya irraa jalqabanii na dhiphisan;

ammo na hin mooyanne.

3Qonnaan bultoonni dudda na qotan;

dheeressanii babbaqassan.

4Rabbi balcha'a;

haada hammeeyyi'ii mummuree gate.»

5Worri Tsiyooniin jibban maruu mullanii

duubatti haa deebi'anii!

6Akka marga mana gubba'atti bayee

uduu hin guddanne goguu haa ta'anii.

7Akka marga haamanii harka namaa hin guunnee;

cum'oo harka namaa hin guunne haa ta'anii.

8Worri isaan bira lufan diintota Tsiyooniitiin,

«Rabbi isin haa eebbisu!

maqaa Rabbiitiin isin eebbifna!»

isaaniin hin jedhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help