Seera Laakkobsaa 26 - Kitaaba Woyyuu

Baniin Hennaa Lammeesso'ootiif Laakkayame

1Balaa saniin maayessa Rabbi Muuse'ee fi ilma Aaroonii gadichaa El'aazaariin,

2«Namoota woggaa diddamaatii fi ka achii olii akka hortee mana abboota isaaniitiin banii Israa'elii keessaa dhiira lolaaf bawu laakkayaa'a» jedhee isaanitti hime.

3Muuse'ee fi gadichi El'aazaar raasaa Moo'aabii Iyyaarikoo afoo laga Yoordaanosii biratti,

4«Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoollee Israa'elii ta biyya Misiriitii baate namoota woggaa diddamaatii fi ka achii olii banii laakkayaa'a» jedhanii isaanitti himan.

Baniin Israa'elii worri biyya Misiriitii bayan kanniin;

5Ilmi hangafaa ka Israa'elii Roobeel, ijoolleen Roobeelii, worra Heenoohii keessaa worra Heenoonotaa, worra Faalusii keessaa gosa Faalusootaa,

57Gofti worra Leewwotaallee worri laakkayaman kanniin; Geedisooniin irraa gosa Geedisoonii, Qa'aatiin irraa gosa Qa'aatii Meeraariin irraa gosa Meeraariiti.

58Kunniin gosa worra Leewwotaati; gosa Libinaawotaa gosa Keebroonii gosa Muhaalotaa, gosa Musaawotaatii fi gosa Qore'eeti; Qa'aati Imbaraamiin uumate;

59Maqaan haadha manaa Imbaraamii Yookaab; isiin nama biyya Misiriititti Leewwii irraa dhalatte; isiin mucattii Leewwi'iiti; isiin Imbaaraamiif ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa Aaroon Muuse'ee fi obboleettii isaanii Maariyaamiin deetteef.

60Aaroon Naadaab, Abiyuud, El'aazaarii fi Itaamiriin uumate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help