1«Dhuma woggaa torbeesso'ootitti namootaa maraafuu liqaa dhiiftan;
2Seerri dhiifamsaa kana; ka liqeesse maruu waan goshoo ufiititti liqeesse hin dhiisaaf; Rabbi waan araara labseef waan liqeesse san goshoo ufii yookaan obboleessa ufii irra hin soqin.
3Waan keessumma'atti liqeessite soqachuu hin dandeetta; waan obboleessa kee irra jiru maraa hin dhiiftaaf.
4-5«Lafa Rabbi Waandhi kee akka dhaaltuuf sii kenne irratti dhugamaan si eebbisa; ati yoo jecha Rabbii Waaqa keetii dhageette, jecha ani adha si ajaju kana maraa yoo eedde isin jidduu hiyyeessi hin jiraatu;
6akkuma Rabbi Waandhi kee abdii sii kenne inni si eebbisa; banii maraa liqeessita; ati garuu hin liqeeffattu; orma heddu bulchita; si garuu hin bulchan.
7«Biyya Rabbi Waandhi kee sii kenne keessa worra jiraatan keessaa, obboleewwan tee keessaa, tokko yoo hiyyoome inni worra kee waan ta'eef isa gargaaru'uuf lash hin jedhin.
8Isa gargaaru'uuf harka keessan badhisa'aatii waan inni barbaadu liqeessa'aafii'i.Kunuunsa Garbootaaf Godhamu(Ser. Ba'u. 21:1-11)
12«Ati obboleessa kee nama Ibrootaa yookaan dubartii Ibrootaa akka sii hojjataniif galfatte isaan haga woggaa jahaa sii haa hojjatanii; woggaa torbeesso'ootitti bilisa isaan baasi;
13yoo isaan uf biraa bilisa baaftu
14harka qullaa isaan hin geegessin; horii kee keessaa, oobdii kee keessaa, cuunfaa woyini'ii kee keessaa isaanii kenni; haguma Rabbi Waandhi kee si eebbisetti isaa kennita.
15Atillee biyya Misiriititti garbicha akka turte; akka Rabbi Waandhi kee si oolche yaadadhu; kanaaf ani adha waan kana si ajaja.
16«Inni garuu si'ii fi maatii kee waan jaalateef si biratti wonti mishaan waan isaa ta'eef ani si biraa bawuu hin barbaadu yoo jedhe,
17ati mutaa fudhattee balbala mana keetii afo'otti gurra isaa woraanta; innillee baraa haga bara baraa garbicha sii ta'a; garbittii teellee akkasuma goota.
18Hennaa isaan uf biraa geegessitu hin gaabbin; waan isaan woggaa jahaa guutuu sii hojjataniiraniif gayee isaanii kenniifii isaan geegessi; Rabbi Waandhi kee hujii hojjattu maraa sii eebbisaa.Ka Horiin Goromumma'aa Dhale
19«Waan hoolaanii fi saani kee dhalu kormaa Rabbii Waaqa keetii woyyoomsita; sangaa dura dhalateen womaa hin hojjatin; ka hoolaan goromummaa dhaltee Rabbii kennite rifeensa isaa hin haadin;
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.