1Raankeen garaa ufii keessatti, «Rabbi hin jiru» jedha;
namoonni akkasii sunniin worra badu;
waan nama jibbisiisaa hojjatan;
isaan keessaa ka waan mishaa hojjatu tokkollee hin jiru.
2Ka waa hubatu; ka Rabbiin soqu
akka jiru laalu'uuf,
Rabbi sami'ii ilmaan namaa gad laale.
3Maruu karaa irraa goraniiran;
wolumatti balla'aniiran;
tokkollee ka waan mishaa godhu hin jiru.
4Worri maqaa Rabbii hin waamne;
worri banii kiyya akka buddeenaatitti nyaatan;
worri hammeenna godhan maruu
beekkumsa hin qabanii?
5Hulee jiranitti naasuun isaan liqimseera;
Rabbi waan worra balchaa jiddu'utti argamuuf.
6Isin karoora hiyyeeyyi'ii balleessuu barbaaddan;
Rabbi garuu irkoo isaaniiti.
7Eentu Tsiyooniin keessaa ka Israa'eliin fayyisu baasa?
Rabbi hennaa boojuu bani'ii deebisu;
Yaaqoob haa gammaduu; Israa'elillee
haa usheexxuu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.