1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Ijoollee Israa'elii akkana jedhii ajaji; midhaan fooliin isaa urgaawu ka ibiddaan bilchaate, kennaa godha'aatii naa dhiyeessaa'a»
3«Wonti kennaa ciinca'aa ka isin ibidda irratti naa dhiyeessitan ciincaa hennaa maraa ciincawu, korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne, guyya guyya'aan naa dhiyeessitan isaaniin jedhi.
4Korbeessa hoola'aa tokko ganama korbeessa hoola'aa kaan garuu galgala dhiyeessi;
5korbeeyyii hoola'aa sanniin woliin kennaa midhaanii iifii tokko ka dhadhaa ejersaa iinii tokkoon sukkuumame haa dhiyaatuu;
6Kennaan kunillee kennaa hennaa maraa ciincaa ta'ee dhiyaatu, kennaan ciinca'aa ka Rabbiin gammachiisu kun ka hennaa duraatiif gaara Siina'aa irratti kennaa midhaanii ta'ee Rabbii dhiyaate.
7Korbeessa hoola'aa ka duraa woliin kennaa waan dhuganii daadhii woyini'ii cimaa iinii tokko hulee ciinca'aa irratti jissaa'a.
8Korbeessa hoola'aa tokko galgala dhiyeessita; kennaa waan nyaataniitii fi ka waan dhuganii ganama akka Rabbii dhiyaatu ibidda irratti ciincessitee Rabbii dhiyeessita.
Ciincaa Sambata Ciincessan9«Guyyaa Sambataa korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kennaa midhaanii ka dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa daakuu misha'aa fi kennaa waan dhuganii dhiyeessitan.
10Kennaa ciinca'aa ka hennaa maraa ciincawuu achi, kennaa waan dhuganiitii achi, wonti isin sambata maraa ciincessitan kana.
Ciincaa Jiini Seenee Guyyaa Jalqabaatitti Dhiyaatu11Jalqaba ji'aa guyyaa duraa ciincaan isin Rabbii ciincessitan jiboolee lama, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo,
12Jibicha maraafuu kennaa midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii, daakuu mishaa korbeessa hoola'aatiifillee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa,
13korbeeyyii hoola'aa maraafuu kennaa midhaanii ka daakuu misha'aa ka dhadha'aan sukkuumame akka ciincaa urgaawaa Rabbii ta'u ibidda irratti ciincessitan.
14Jiboolee maraafuu kennaa waan dhuganii ka dhiyaatu daadhii woyini'ii iinii lamaa korbeessa hoola'aatiifillee daadhii woyinii'ii iinii tokkoo fi wodhakkaa'a, korbeessa hoola'aa tokkoo fi daadhii woyini'ii iinii tokko dhiyeessaa'a; kennaan kun woggaa keessa ji'a jalqabaa marattuu ciincaa Rabbii dhiyaatu.
15Ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko Rabbii dhiyeessitan; kennaan kun kennaa hennaa maraa ciincawu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaatu.
Ciincaa Ayyaana Faasika'aatii Fi Ayyana Xorosho'oo Dhiyaatu(Ser. Lew. 23:5-14)16Ji'a jalqabaa, jiini seenee guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaana Faasika'aa ka Rabbiiti.Ciincaa Hennaa Midhaan Haama'aa Ciinceessan(Ser. Lew. 23:5-22)
26Hennaa ayyaana midhaan haama'aa guyyaa duraa kennaa midhaanii ka duraa Rabbii dhiyeessitan wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a.
27Ciincaa urgaawaa Rabbii dhiyeessaa'a; jiboolee lama, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta woggaa tokkoo,
28Kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, jiboolee maraafuu kudhan keessaa harka sadihii, korbeessa hoola'aa tokkoo fi daakuu mishaa kudhan keessaa harka lamaa,
29korbeeyyii hoola'aa torbaniifuu daakuu iifii tokkoo dhiyeessitan.
30Akka araaraaf isinii ta'u korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessitan.
31Ciincaan dhiyeessitan kun ciincaa hennaa maraa Rabbii ciincawu ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyeessitan; kennaan ciinca'aa kun ka mudaa hin qabne haa ta'uu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.