Kitaaba Mootota ka 2ffaa 25 - Kitaaba Woyyuu

Yerusaalem Harka Diinaa Jalatti Kufte(Sen. 2ffaa 36:13-21; Erm. 52:3-11)

1Kanaan maayessa Nabukadanatsoor loltoota ufii maraa fuudhee Seedeeqiyaas mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Yerusaalemitti duule; loltoonni qachatti'iin alatti quphatanii biyyee naannaya sanitti akka goobaa ol tuulanii hojjatan.Manni Woyyuun Diiggame(Erm. 52:12-33)

8Nabukadanatsoor Baabilooniin irratti mooyee woggaa kudha sagaleesso'ootitti jiini shaneesso'oo seenee guyyaa torbeesso'ootitti ka Naabuzardaan jedhamee waamamu ajajaa waardiyyoota mana mootichaa ka Nabukadanatsoorii gara Yerusaalemii dhaqe.

9Inni mana woyyuu Rabbiitii fi mana mootummaa mootichaa ibiddaan gube.

10Mana namoota gugurda'aa ka worra Yerusaalemiin keessa jiraataniitii fi manniin qachattii san keessa jiran maraa ibiddaan gube; loltoonni Kalaadaawotaa ka ajajaa waardiyyoota mana mootummaa mootii woliin jiran dallawa dhaga'aan ijaarame ka Yerusaalemii hin diigan.

11Kanaan maayessa Naabuzardaan namoota qachattii keessatti hafanii turanii fi namoota biraallee akkasuma worra Baabiloonitti dhiyaatan maraa qabee gara Baabiloonii fide.

12Ajajaan waardiyyootaa hiyyeeyyii hunna hin qabne akka isaan biqiltuu dhaabanii fi akka lafa qotan biyya Yihuuda'aa keessatti dhiisee deeme.

13Worri Baabiloonii meeshaa mana Rabbii keessa jiru, utubaa sibiila diima'aa, teessoo mana Rabbii keessa jiruu fi waabaa bisaanii ka sibiila diimaa irraa hojjatame caccabsanii sibiila caccabe gara Baabiloonii fidan.Yoo'aak Hidha'aa Hiikkame(Erm. 52:31-34)

27Mootichi Yihuuda'aa Yoo'aak booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa diddamii torbeesso'ootitti mootiin Baabiloonii Yoormaaroodeeqi mooyee woggaa jalqabaatitti mootii Yihuuda'aa Yoo'aakiin mana hidha'aatii baasee araara godheef.

28Yoormaaroodeeqi Yoo'aakiif waan mishaa godhe; mootota booji'amanii biyya Baabiloonii keessa jiraatan keessaa ulfinna maraa caalu kenneef.

29Kanaafuu Yoo'aak uffata mana hidha'aa keessatti uffatu jijjiiree haga lubbu'uun jiru akka mana mootichaatii nyaatu eeyyamameef.

30Mootichi bara lubbu'uun jiru maraa guyya guyya'aan waan isa barbaaachisu kenna'aafii turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help