1Bara ilmi Iyyoosiyaasii Iyyo'aaqeem Yihuudaa irratti mooye Rabbi akkana naan jedhe,Mot. 2ffaa 23:36—24:6; Sen. 2ffaa 36:5-7
2«Gara maatii worra Reekaabotaa dhaqii isaan dubbis; achiin maayessa gara kutaa mana woyyu'uu tokko keessa seensisii daadhii woyini'ii ka dhugan kenniif»
3Kanaaf ani ilma Ermiyaasii Azaaniyaa ilma Habaadiyaanii, obboleewwan isaa ijoollee isaa maraa fi maatii Reekaabotaa maraa achi fide.
4Ani isaan gara mana woyyumma'aa ka namni Rabbii ilmaan Hanaaniyaa ilma Hagdaaliya'aa keessa jiraatan keessa isaan fide; kutaan sun kutaa worra baallii qabaniititti aanee kutaa Maa'iseeyaa ilma Shaalu'ii balbala eeguutii oli.
5Ani daadhii woyini'ii makarajjii guutu'uu fi mijuu Reekaabota afoo kaayee «Mee daadhii woyini'ii kana dhugaa'a» isaaniin jedhe.
6Isaan garuu akkana jedhanii naa deebisan, «Nu daadhii woyini'ii hin dhunnu; Iyyonaadaab ilmi Reekaabii abbaan keenna nu'uu fi fiixaan keenna maruu akka daadhii woyini'ii hin dhunne nu ajajeera.
7Akkasuma akka mana jireennaa hin ijaaranne, akka lafa hin qotannee fi akka lafa biqiltuu woyini'ii itti dhaaban hin midhaassine nutti himeera; lafa tana irra akka keessumma'aa hennaa dheera'aaf akka teennu daasee keessallee akka jiraannu nu ajajeera.
8Barumsa Iyyoonaadaab nu barsiise maraa fudhanneerra; nu'u, haawwonni manaa teenna, ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa daadhii kana hin dhunnu.
9Mana jireennaa uduu hin ijaaranne daasee keessa jiraanna; hulee woyinii itti dhaabannuu fi hulee midhaan itti facaafannu hin qabnu.
10Nu'u daasee keessa jiraanneerra; waan Iyyoonaadaab abbaan keenna ka durii nu ajaje maraaf ajajamneerra.
11Garuu hennaa Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii dhufee biyyattii marse nu loltoota Baabilooniitii fi loltoota Sooriya'aa jalaa dheessinee bayu'uuf gara Yerusaalemii dhaquu murteessineerra; nu amma wonti Yerusaalemiin keessa jiraannuuf kana.»
12-13Kanaan maayessa Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa akka ani gara banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii dhaqee «Barumsa kiyya fudhattanii dubbii kiyyaa ajajamuu hin dandeettanii?
14fiixaan Iyyoonaadaabii akka daadhii woyini'ii hin dhunne abbaan isaanii isaan ajaje eeganii haga adhaa daadhii woyini'ii woyiituu afaaniin hin tundhe; ani hennaa maraa deddeebi'ee isinitti hime isin garuu naa ajajamuu diddan.
15Raattota tajaajiltoota kiyya ta'an deddeebi'ee gara keessan ergeera; isaan akka isin hujii hamaa keessan irraa deebitanii waan qajeelaa hojjattan isinitti himaniiran; akka isin waaqolee tolfamaa ormaatii hin saganne, akka isin isaan hin tajaajille isin seeraniiran; akka isin lafa isinii fi abboota teessan ta duriitii kenne irra jiraattan waan kana maraa isin ajaje; isin garuu ana dhagayu'uu fi dubbii ani isinitti himu fudhatuu hin barbaanne.
16Fiixaan Iyyoonaadaabii ilma Reekaabii waan abbaan isaanii ka durii isaan ajaje maraa raawwataniiran; isin baniin kiyya garuu naa hin ajajamne.
17Kanaafuu badii ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii isinitti fida jedhee dubbadhe maraa isin worra Yerusaalemii fi Yihuudaa keessa jiraattan marattuu fida; wonti ani waan kana raawwadhuuf waan hennaa ani isinitti dubbadhu dhagayuu diddanii fi hennaa ani isin waamu waan naa deebisuu diddaniif» jedhee akka ajaju natti hime.
18Kanaan maayessa ani Ermiyaas waan Waandhi Israa'elii Gooftaa banii maraa dubbii gosa Reekaabotaatiif dubbate, «Isin ajaja abbaan keessan ka durii isin ajaje maraa raawwattaniirtan; barumsa isaallee barattaniirtan; waan inni isin ajaje maraa gootaniirtan.
19Kanaafuu Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa ‹fiixaa Iyyoonaadaabii ilma Reekaabii keessaa namni hennaa maraa na tajaajilu hin dhabamu› jedha» jedhee isaanitti hime.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.