Kitaaba Faaru'uu 72 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Waan Mooti'iitiif KadhatanWaan Solomoonii

1Yaa Rabbi! murtii kee mootichaaf;

balchummaa kee ilma mooti'iitii kenni.

2Inni banii kee balchumma'aan murteessaaf;

worra rakkataniillee dhugaa murteessa.

3Gaarran durummaa'a;

tulloonni daraaraa balchumma'aa bani'ii fidan.

4Banii rakkatee hin tamaaggata;

ijoollee hiyyeeyyi'ii hin oolcha;

cunqursaallee hin butucha.

5Haga aduun jirtu;

bara jiini jiru maraa;

dhalootaa haga dhalootaatitti hin jiraata.

6Akka roobaatitti raasaa haamame irratti bu'a;

akka tiifu'uutitti lafa jiisa.

7Bara isaatitti balchummaan hin bu'a;

haga addeessi hule'ee dhabamtutti

nageenni hin baay'ata.

8Galaanaa haga galaanaatitti;

laga guddaa irraa haga daangaa lafaa bulcha.

9Worri lafa gammoojji'ii keessa jiraatan isa afo'otti sagadan;

diintonni isaallee biyyee arraaban.

10Mootonni Tarseesiitii fi tulluu bisaaniin marfamtee;

gibira dhiyeessaniif;

mootonni Arabaatii fi ka Saaba'aa kennaa fidaniif.

11Mootonni maruu isaa sagadan;

baniin maruu isa jalatti bulan.

12Hennaa rakkataan iyye;

yataama'aa fi ka gargaarsa hin qabe hin oolcha.

13Hiyyeeyyi'ii fi worra rakkatee garaa laafa;

worra yataamaa du'a oolcha.

14Jiruu isaanii cunqursa'aa fi daba jalaa oolcha;

dhiinni isaanii isa afo'otti kabajjama'a.

15Umuriin isaa haa dheeratu;

Saabaa irraa worqiin haa dhufuuf;

hennaa maraa isaa haa kadhatan;

guyyaa guutuu isa haa eebbisan!

16Midhaan lafa irratti haa baay'atu;

sammuu gaarranii irratti haa daddaaqu;

daraaraan isaa Libaanosii haa unkuruuru;

ka qachaa keessa jirullee akka marga raasa'aa

tuuttayee haa bayu.

17Maqaan isaa baraa haga bara baraa jabaatee haa jiraatu;

gurri isaa haga bara aduun jiraattuu haa dheeratu;

baniin maruu isaan haa eebbifamanii;

baniin maruu ati eebbifama'a haa jedhaniin.

18Ka hojja ufii maalalee godhu;

Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gayu.

19Maqaan isaa kabajjamaan bara haga bara baraa haa galatoomu!

ardiin maruu ulfinna isaatiin haa guuttamtu;

Amiin! Amiin!

20Faateen Daawitii ilma Isseyii asitti dhumate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help