Gara Ximootewoosii 2ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

1 Xim. 1ffaa 1:1; Yoh. 1ffaa 2:25 Ani Phaawuloos waadaa jireennaa ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa:

2 Hu. Er. 16:1 Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif; Rabbii Aabbaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadha, araaraa fi nagaya sii haa kennu.

Phaawuloos Ximootewoosiin Jajjabeesse

3 Hu. Er. 23:1; 24:16; Filph. 1:3-4; 3:5 Halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kutin kadha'aan waan si yaadadhuuf akka abbootii tiyyaatitti Rabbii sammuu qulqullu'uun waaqeffadhu hin galatoonfadha.

4Imimmaan kee yaada'aa gammachu'uun guuttamu'uu fi si arguu hawwa.

5Hu. Er. 16:1 Amantii uf jajuu hin qabne ta si keessa jirtu hin qaabadha. Amantiin kunillee dura akaakayyuu kee Loyidiin, haadha tee Ewunqee keessa ture. Akkasuma amantiin sun si keessallee akka jiru hubadheera.

6Xim. 1ffaa 4:14 Sababaa kanaan akka nama ibidda qabsiisuutitti kennaa Rabbii ka harka kiyya si irra kaayu'uun argatte san akka kakkaaftu si qaabsisa.

7Rom. 8:15 Rabbi Ayyaana hunnaatii fi ka jaalala, ka uf qabu'uu nuu kenne malee Ayyaana soda'aa nuu hin kennine.

8 2:3; Rom. 1:16 Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf, yookaan anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haa ta'uu ammo haga hunna Rabiitiin waan Dubbii Nagayaatiif na woliin rakkadhu.

9Tit. 3:5; Efe. 1:4,11 Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.

10Rom. 16:25-26; Qor. 1ffaa 15:55-57; Tit. 2:11; Ibr. 2:14 Amma ammo dhufuu fayyisa'aa fi qorsa keenna karaa Yesuus Kiristoosiitiin mudhateera.

11Inni du'a waan mooyateeruuf, ani lallabaa Dubbii Nagayaa ergama'aa fi barsiisaa worra Yihuudota hin taanee akka ta'u, Dubbii Nagayaa itti muudame kanaan jireennaa fi bara baraan jiraachuu ifatti baaseera.

12Sababaa kanaan rakkinni na irra gayeera. Haa ta'uu ammo rakkinna na irra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera.

13Xim. 1ffaa 6:3; Tit. 2:1 Amanti'ii fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii na irraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu.

14Xim. 1ffaa 6:20 Yaboo mishaa san Ayyaana Woyyuu nu keessa jiru san eegi.

15Worri Isiyaa keessa jiran maruu, akka na irraa fagaatan hin beetta; isaan keessaa Filoqoosii fi Herwaageenesiin fa'a.

16Gooftaan maatii Henesfooru'uutiif haa araaramu; hennaa hedduu waan hara na baafachiisaniiraniif.

17Hu. Er. 28:30 Inni hidhamuu kiyyattillee hin saalfanne. Hennaa Roomaa ture san soqee, soqee na arge.

18Mat. 5:7 Guyyaa dhumaa san Gooftaan isaa haa araaramu. Efesoonittillee attamitti akka na tajaajile atuu sirri'itti beetta.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help