Raajii Hisqeelii 7 - Kitaaba Woyyuu

Badiin Israa'elii Dhiyaate

1Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

2«Ilma namaa! ani Rabbiin maraa olii wonti waan biyya Israa'eliitiif jedhu kana; kallattii maraanuu dhumti ardii tanaa gayeera.

3Isin banii Israa'elii amma badiin teessan geetteerti; lola kiyya isinitti buusa; akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa; waan battummaa keessan maraatiifillee isin adaba.

4Ani sirima garaa isinii hin laafu; isinii hin raaramu; haga isin hujii battumma'aa san irra jirtan ani isin adaba; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.»

5Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Rakkinni dhufeera! rakkinni dhufeera!

6Dhumti dhufee isin irra gayeera; dhumti dhuftee isin irra geetteerti.

7Isin baniin biyyattii keessa jirtan maruu badiin teessan geetteerti; hennaan gayeera; guyyaanillee dhufeera; guyyaan sun guyyaa raafamtan malee guyyaa hulee gugurda'atti gammaddanii itti buraaxxanii miti.

8Ani amma dhiyeenna kanatti lolaa fi balaa kiyya isinitti buusa; akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa; sababaa hujii keessan bada'aatiif isin adaba.

9Ani sirima garaa isinii hin laafu; isinii hin araaramulle'e isin haga hujii battumma'aa irra jirtan ani isin adaba; hennaa san ka isin adabu akka ana Rabbiin ta'e beettan.»

10Amma kunoo guyyaan Israa'el itti baddu dhiyaateera; dhartinii fi hammeenni baay'ateera; uf jajuunillee guddateera.

11Sababaa didda'aatiif hujiin hammeennaa baay'ateera; isaan keessaa namni tokkollee hin hafu; durummaanii fi qabeenni isaan horatan maruu wonti tokkollee isaanii hin hafu.

12Amma hennaan badi'ii gayee guyyaanillee dhiyaateera; lolli kiyya ka ana Rabbii nama maraa irra waan gawuuf ka waa bitatu hin gammadin; ka waa gurguratullee hin gaddin.

13Haga ka waa bitatuu fi waa gurguratu lafa kana irra jiru namni waa gurgurate meeshaa gurgurate san akkuma deebi'ee hin arganne akkasuma raanni raagame nama maraafuu waan ta'eef hafuu hin danda'u; isaan waan yakka hojjataniif lubbuu ufii oolchuu hin danda'an.

14Xurumbaan hin afuufama; wonti maruu hin qophaaya; lolli Rabbii waan nama maraa irra gayuuf eennullee gara hulee lolaa hin dhaqu.

Adabbii Sababaa Cubbuu Israa'eliitiif Dhufu

15Diida lolatu jira; mana maraa keessa dhibe'ee fi beelatu jira; worri qacha'aan ala jiraatan maruu lolaan dhuman; worra qachaa keessa jiru garuu dhukkubaa fi beelatu fixa.

16Akkuma handariin uf hambisu'uuf dhooqa keessaa gara gaaraa ol bayan akkasuma worri du'a irraa hafan yoo jiraatan uf hambisu'uuf jedhanii akkuma handari'ii gaara irra yaa'anii sababaa cubbuu ufiitiif mararoo gadda ufii dhageessisan.

17Harki maruu haree waa qabuu dadhaba; jilbi maruu hin laamshaya.

18Uffata gaddaa uffatan; hin nayan; hin saalfatan; mataa haadatan.

19Isaan meetii ufii karaa irratti gatan; worqiin isaaniillee akka waan batti'iititti laallama; meetiinii fi worqiin isaanii guyyaa lola Rabbii isaan hin oolchu; beela isaan irraa hin balleessu, garaa isaanii hin guutu; wonti kunniin maruu sababaa cubbuu isaaniitiif isaan irra gaya.

20Faaya bareeda isaanii ka ittiin dhaadatan waaqolee tolfamaa nama jibbisiisuu fi babbadaa ittiin hojjatan; kanaafuu faaya isaanii maraa ani isaan irratti hin jibba.

21Rabbi akkana jedha, «Faaya keessan maraa ormatu booji'a; worri cubbamtoonnillee akka saamaniif dabarsee kenna; isaan hin busheessan.

22Saamtonni mana woyyuu kiyya keessa seenanii batteessan; hennaa isaan batteessan ani isaan hin dhooggu.

23«Ati biyyattiin waan lubbuu namaa ajjeeftuuf, qachattii keessa diddaan waan jiruuf haada sibiilaa ka hidhaniin qopheessi.

24Banii keessaa namoota hammeeyyii as fidee akka isaan manniin keessan dhaalan godha; uf tuuluu worra jajjaba'aa hin balleessa; isaan hulee keessan ka woyyoome hin batteessan.

25Isin hennaa rakkattan nagaya barbaaddan garuu hin argattan.

26Balaan tokko balaa biraa fida; oduun tokko oduu biraa fida; isin akka worri raattotaa raaga argan akka isinitti himan isaan barbaadattan; seerri gadoonni banii barsiisan, gorsi manguddoonni banii gorsanillee isaan harkaa bade.

27Mootiin hin booya; ijoolleen moototaa maruu sirima abdii kutatan; baniin nayee hollata; ani akkuma hujii keessaniitiin isin adaba; akkuma isin nama biraa irratti murteessitaniin isinitti murteessa; akkaataa kanaan akka ani Rabbiin ta'e beettan.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help