1Hennaa gara mana Rabbii deemtu miila kee eeggadhu; dhagayuu fedhuun ciincaa worra gowwa'aa caala; isaan akka waan hamaa godha'aaran waan hin beenneef.
2Rabbi samii'i;
ati garuu lafa irra waan jirtuuf
Rabbiin afo'otti waa dubbachu'uuf hin jarjarin;
kanaafuu dubbiin kee diqqoo haa ta'u.
3Akkuma baay'inna huji'iitiin eebjuu argan
bakka dubbiin baay'een jirutti dubbiin gowwa'aa mudhata.
4Kanaafuu Rabbi worra gowwa'atti hin gammadu;
hennaa Rabbii waa kennu'uuf woreega galte
waan woreega galte san dafii raawwadhu.
5Woreega galte san yoo ka hin raawwanne taate uduu woreega galuu baattee sii woyya.
6Gara cubbu'uu akka si hin masakkine arraba kee eeggadhu; hojjataa mana woyyu'uutiin «Dogoggoraan woreega kennee ture» jettee hin dubbatin; Rabbi waan ati dubbattetti aaree hujii harka keetii maaf balleessa?
7Bakka eebjuun jiru, akkasuma bakka dubbiin hedduu jiru, bakka san waan gatii hin qabne baay'e'etu jira; ati garuu Rabbiin sodaadhu.
Qabeenni Gatii Hin Qabu8Biyya keessatti yoo hiyyeessi gad qabame, handhi dabee, yoo mirgi dhiibamee argite waan kanniin hin maalalfatin; sababaan bulchaa tokko ka gubba'aatitu arga; kanniin lamaa gubbaallee ka biraa ka isaanii oliititu jira;
9Bu'aan lafa irraa argamu ka maraati; mootichinuu qonna irraa fayyadama.
10Namni birrii jaalatu birrii hin quufu;
namni durummaa jaalatu nagaya hin jedhu;
kunillee gatii hin qabu.
11Yoo qabeenni guddate ka nyaatutu baay'ata;
ka qabeenna wolitti qabe sun ijuma calla'aan laala malee
maal isaa godha?
12Diqqaa nyaatee'e guddaa nyaatee'e
hirribni hojjata'aa mi'aaya'a;
qabeenni nama dureessaa garuu hirriba isa dhoogga.
13Sami'ii gaditti ammallee waan hamaa nama gaddisiisuu arge;
qabeenni tuulame abbama miidha.
14Durummaan waan hamaa tasaa uumamuun bada;
hennaa finni dhalatuuf wonti isaa hafu hin jiru.
15Namni akkuma garaa haadha ufii keessaa qullaa dhalate
akkasuma qullaa deebi'a;
waan ufii itti dadhabe keessaa
tokkollee harka ufiititti fudhatee ka deemu hin jiru.
16Kunillee guddisee hama'a;
namni akkuma dhufeen waan deebi'u yoo ta'e
dadhabbiin isaa qilleensaaf yoo ta'e bu'aa maal qaba?
17Barri jireenna isaa maruu dhiphinna baay'ee
rakkinna, biibbayu'uun dukkana keessatti nyaattama.
18Wonti mishaanii fi bareenni ani arge, namni bara jireenna ufii guutuu akka nyaatee dhugu, sami'ii gaditti waan itti dadhabe marattuu akka gammadu, kun hiree mishaa Rabbi isaa kenne.
19Rabbi nama maraafuu qabeennaa fi durummaa kennuun, isa irraallee nyaatee gayaa ufii akka fudhatu, dadhabbii ufiititti akka gammadu leenjisuun isaa, kun kennaa Rabbiiti.
20Waan kana mara irrattuu Rabbi gammachuu waan kenneefiif gabaabbinnaa fi dheerinna umurii isaatiif hin yaaddayu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.