1-3Ijoolleen Daawitii biyya Keebrooniititti dhalatan kanniin fa'a;
ka hangafaa Aminoon;
ka lammeesso'oo Daani'eelii Akinaahoomii gosa Iyiziraa'eelii irraa dhalate,
ka sadeesso'oo Maayikaa intala mootii Geeshurii ka Talmaayiin irraa dhalate Abeseloom;
ka arfeesso'oo Adooniyaasii Aagittiin deette;
ka shaneesso'oo Shafaaxiyaa Abixaal deette;
ka jaheesso'oo Yitirahaamii Eegilaan deette.
4Kunniin maruu hennaa inni Keebroonitti woggaa torbaa fi ji'a jahaa bulche dhalataniif.
Daawiti Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa soddomii sadihii bulche.Sam. 2ffaa 5:4-5; Mot. 1ffaa 2:11; Sen. 1ffaa 29:27
5Achitti ilmaan heddu argate; intalti Beersaabeehi mucattiin Aami'eelii Saamuus, Soobaab, Naataanii fi Solomooniin deette.Sam. 2ffaa 11:3
6Ijoollee biraallee sagal qaba; isaanillee Iyyaabehaar, Eeliisu'ee, Eelifaalaati,
7Noogaa, Naafeeq, Yaafiyaa,
8Eelsaamaa, Eldaaye'ee fi Elifalaatiin fa'a.
9Kanniiniin alallee ijoolleen Daawiti dubartoota mata gala itti galu irraa uumate ijoollee dhiiraa ta biraallee hin qaba; mucattii intalaa ta Timaar jedhamtee waamamtullee hin qaba.
Fiixaa Mooticha Solomoonii10Fiixaan dhaloota Solomoonii akka armaan gadiiti; Solomoon, Roobi'aam, Abiyaa, Aasaa, Iyyoosaafixi,
11Iyyooraam, Akaaziyaas, Iyyoo'aas,
12Ameesiyaas, Azaariyaas, Iyyoo'aataam,
13Aka'aaz Hisqiyaas, Minaasee,
14Amootsii fi ilma isaa Iyyoosiyaas.
15Ijoolleen dhiiraa ta Iyyoosiyaasii ka hangafaa Yohaanaan, ka lammeesso'oo Iyyoo'aaqeem, ka sadeesso'oo Sedeqiyaasii fi ka arfeesso'oo Shaloomiin fa'a.
16Iyyoo'aaqeem garuu ijoollee dhiiraa lamaan Ikooniyaanii fi Sedeqiyaasiin uumate.
Fiixaa Mooticha Ikooniyaanii17Ijoolleen nama Baabilooniin booji'amee ta Ikooniyaanii Salatiyaal, Malkiraam,
18Faddayaa, Shenaatsaar, Yiqaamiyaa, Hooshaama'aa fi Naadaab fa'a.
19Ijoolleen dhiiraa ta Faddaya'aa Zarubaabeelii fi Saame'i fa'a; Zarubaabeelillee ijoollee dhiiraa lamaan Meesulaamii fi Hanaaniyaa jedhamanii waamamanii fi mucattii Shaloomiiti jedhamtu qaba.
20Akkasuma ijoollee dhiiraa shan ta biraa Hashubaa, Aheel, Barakiyaa, Asaadiya'aa fi Yooshabihiseed jedhaman qaba.
21Hanaaniyaan ijoollee dhiiraa Falaaxiyaala'aa fi Yeshaayaa uumate; Yeshaayaan Raafaayaaniin uumate; Raafaayaan Arnaaniin uumate; Arnaani Abdiyyuu uumate; Abdiyyu Sekeniyaa uumate.
22Sekeniyaan Shamaayaa uumate; Shamayaan Haxuusiin, Yigi'aaliin, Bariyaahiin, Na'aariyaa fi Shafaaxiin uumate;
23Na'aariyaan ijoollee dhiiraa sadiin Elyoo'enaayi, Hisqiyaasii fi Izraaqaamiin fa'a uumate;
24Elyoo'enaayi ijoollee dhiiraa torba Hodaayiwaa, Elyaaseeb, Feeliyaa, Aquub, Yohaanaan, Dalayaa fi Hanaaniin fa'a uumate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.