1Dubbiin lallabtichaa ka ilmi Daawitii ka Yerusaalemitti mooye dubbate kana;
2Lallabaan,
«Gatii hin qabu; gatii hin qabu; sirima gatii hin qabu;
maruu gatii hin qabu» jedha.
3Waan adu'uu gaditti itti dadhaban maraafuu
bu'aan namaa maali'i?
4Dhaloonni hin dhufa dhaloonni hin lufa;
lafti garuu itittee baraa haga bara baraa jiraatti.
5Aduun hin baati; hin dhiitille'e,
deebitee gara hulee baatuu gayu'uuf jarjarti.
6Qilleensi gara kibbaatii fi gara kaabaallee hin bubbisa;
hennaa maraa naannaya'aa deddeebi'a.
7Bisaan lagaa maruu gara galaanaa yaa'a;
garuu galaanni hin guutu;
deebi'ee bisaan gara hulee ufii itti burquu dhaqa.
8Wonti maruu nama hifachiisa;
akkaataa inni itti nama hifachiisu
namni maruu ibsee dubbachuu hin danda'u;
ijji laaltee hin quuftu,
gurrillee dhagayee hin hifatu.
9Wonti dura ta'e ammallee deebi'eetuma ta'a;
wonti amma raawwata'aarullee kama dur raawwatame;
kanaafuu adu'uu gaditti wonti haarofni hin jiru.
10Eennullee,
«Wonti kun haarawa!» jechuu hin danda'aa?
inni baroota armaan dura lufan keessatti raawwatameera.
11Namni waan bara durii raawwataman maraa qaabatu hin jiru;
wontoonni waan sanniiniin maayessa raawwatamanillee
dhaloota maayessa dhalatan biratti hin qaabataman.
Beekkumsa Ogeessi Jireenna Ufii Irraa Barate12Ani lallabaan Yerusaalemitti mootii worra Israa'elii ture;
13Waan sami'ii gaditti taasifamu maraa ogumma'aan barbaada'aa qorachu'uuf murteeffadhe; fe'aa guddaa kana akka ilmi namaa itti dadhabuuf Rabbi namaa kenne.
14Waan sami'ii gaditti hojjatama'aaru maraa hin laale; garuu wonti maruu akka duwwa'a ta'e arge; wonti maruu akka nama qilleensa duukaa bu'uuti.
15Ka dabe qajeeluu hin danda'u; wonti biraallee ka hin jirre laakkayamuu hin danda'u.
16Ani onnee kiyya keessatti «Mootota tanaan dura Yerusaalemitti bulcha'aa turan caalaa guddisee beekkumsaa fi ogummaa argadhe» jedhee dubbadhe.Mot. 1ffaa 4:29-31
17Ogummaa'a, maraattumma'aa fi gowwummaallee beeku'uuf jedhee uf kenne; kun akka waan qilleensa duukaa deemu'uu ta'e hubadhe.
18Akkuma ogummaan guddateen gaddi guddata; akkuma beekkumsi guddatuun rakkoonillee namatti baay'ata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.